Halaal islamic media
Qonnaan bultoonni #Harargee “sababa kufaatii gabaa #jimaan kadhaaf saaxilamne” jedhan
Aliyyii Kadir qonnaan bulaa godina Harargee Bahaatti waggoota dheeraaf oomisha Jimaatin jireenya isaa gaggeeffataa turedha. Sababa “dambii walxaxaa fi dhiibbaa gabaa jimaarra uumameen” jireenyasaa gaggeessuu rakkatee gara #Finfinnee godaanuun kadhannaan jiraata.
Akka Aliyyiin himutti, dambii daldala jimaa haaraa mootummaan yeroo muraasa dura hojiirra oolche hordofuun gatiin gurgurtaan jimaa garmalee gadi bu’uu fi qaraxni mootummaaf kafalamuu gatii jimaatii ol ta’uun walqabatee galiin oomisha jimaarraa argamu jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa utubuu dadhabeera.
Jiraataa godina Harargee Bahaa Magaala #Awwadaay tokko Addis Standard’tti akka himetti, sababa rakkoo kanaan qonnaan bultoonni ijoollee isaanii barsiifachuu dadhabanii barattoonni hedduu barnoota ala ta’uu hima.
Ka’umsi rakkoo qaala’insa jireenyaa kun qaraxa dachaa daldala jimaarra kaa’ame ta’uu kan himan qonnaan bultoonni Addis Standard dubbise, jimaa kiiloo tokkoof bakka sakatta’insa garaa garaatti birrii 30 ol kaffaluuf dirqamuu eeru. Sababa kanaaf, oomisha isaanii gabaatti baasanii gurgurachuun “kasaaraa” itti ta’uu himu.
Post Top Ad
Responsive Ads Here
Wednesday, June 05, 2024
Home
Unlabelled
Qonnaan bultoonni harargee sababaa jimaan gabaa dhabuutiin beelaaf saaxilama
Qonnaan bultoonni harargee sababaa jimaan gabaa dhabuutiin beelaaf saaxilama
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Post Bottom Ad
Responsive Ads Here
Author Details
Templatesyard is a blogger resources site is a provider of high quality blogger template with premium looking layout and robust design. The main mission of templatesyard is to provide the best quality blogger templates which are professionally designed and perfectlly seo optimized to deliver best result for your blog.


No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com