πŸ“° Oduuwwan fi Barruulee Haaraa

TPLF 'sochiin kamiyyuu gara Buufata Xiyyaaraa Maqaleetti akka hin godhamne akeekkachiise

Halaal islamic media Bulchiinsi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) duraan mootummaa Naannoo Tigraay to'achaa ture, Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee keessatti ''sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne'' akeekkachiiseera. Gorsaan Ministira Muummee, Geetaachoo Raddaa, ibsi TPLF kun xiyyaarota siiviilii gara Maqalee balali'an ''haleeluun tarkaanfii fudhachuun TPLF akkuma amala isaa dhimma shororkeessummaaf itti fayyadamuuf murteessuu isaa agarsiisa'' jedhe. TPLF kan Dr Dabretsiyoon Gabramaikaa'eliin durfamu Jimaata kaleessaa ibsa baase keessatti akeekkachiisa sadii dabarseera. Isaan keessaa tokko Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqalee ilaalchisee ture. Yeroo walitti bu'iinsi torban sadii dura jalqabame, buufataaleen xiyyaaraa Maqalee, Shiree fi Aksum humnoota Tigraayiin to'atamaa turan. Haa ta'u malee, mootummaa federaalaa fi humnoonni mootummaa wajjin hiriiran magaalota gurguddoo erga to'atanii booda, buufataaleen xiyyaaraa kunneenis to'annoo mootummaa federaalaa jalatti deebi'aniiru. To'annaan buufataalee xiyyaaraa humnoota Tigraay harkaa ture yeroo sanatti Gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi mootummaa Biritaaniyaa irraa mormii kaasee ture. Buufatni Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa to'annoo mootummaa federaalaa jala erga galeen booda, Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii gara Maqalee addaan citee ture torban darbe Dilbata irraa eegaleera. TPLF ibsa isaa keessatti, buufatni xiyyaaraa Maqalee hojii geejjibaa siiviiliif oolurra mootummaan federaalaa buufata xiyyaaraa humnoota ''Wal Ta'insa Of Baraaruu [Tibibir Le Hilliwunaa] jedhamuun irratti cufame deddeebisa waraanaa fi loojistikii waraanaaf itti dhimma bahaa jira jechuun himate.Kana irratti hundaa'uunis, TPLF "Buufata xiyyaaraa kana keessatti sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne cimsinee akeekkachiisna" jechuun akeekkachiiseera.Itti dabaluun TPLF ji'oota jaha dhufaniif naannoo Tigiraay akka gaggeessuuf ''Bulchiinsa Imaanaa'' jechuun kan mootummaan federaalaa hundeesse waliin caasaan mootummaa naannichaa akka hin hojjenne akeekkachiise. Waajjirri Ministira Muummee Bulchiinsa Imaanaa jechuun Jimaata darbe hundeesse. Akka mootummaa federaalaatti, mootummaa yeroo cehumsaa kun tajaajila mootummaa guyyaa guyyaan kennuu, haala filannoon itti gaggeeffamu mijeessuu, nageenya mootummaa naannichaa tasgabbeessuu, mootummaa naannichaa diigame deebisanii ijaaruu fi lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisanii qubachiisuu irratti hojjeta. Bulchiinsi Imaanaa jedhame kun hanga mootummaa uummataan filatame hundeeffamutti kan turu yoo ta'u, qajeelfamaa fi kallattii mootummaa federaalaan kennamuun akka hojjetu ibsameera. Dhimmoota tarsiimoo yeroo dheeraa irratti murtoo akka hin kennines mootummaa federaalaan ibsameera. TPLF garuu bulchiinsa haaraa hundeeffame kana ''cimsinee mormina'' jechuun beeksiseera. Ibsa baase keessatti bulchiinsa Imaanaa jedhamuun mootummaan federaalaa hundeesse kana "meeshaa mootummaa federaalaa" jechuun ibse. kennamu kamiyyuu mootummaa fi seeraan fudhatama hin qabu jechuun mootummaa naannichaa fi uummataaf dhaameera. Dabalataanis, Bulchiinsa Imaanaa jedhamu kanaan murtoon kennamu kamiyyuu fudhatamaa fi seerummaa akka hin qabne beeksifna jedhan. Qaamni kamiyyuu bulchiinsa haaraa hundaa'e kana dhaabbannaan akka mootummaa Badhaadhinaa waliin dhaabbateetti ilaalamee itti gaafatamummaa isaa fudhata jedhe. Dabalataan TPLF ibsa isaa keessatti sochii gara humnoonni Tigraay jiranitti godhamu irratti daangaa kaa'eera. ''Bitamtootaa fi baandaawwan tokko tokko Konkolaataa xixiqqaa fi meeshaalee qunnamtii qabachuun hojii basaasaaf'' gara Humnoonni Tigiraay jiratti socho'uu isaanii kanneen qaban irraa mirkaneessineerra jedhe. ''Namni kamiyyuu eeyyama bulchiinsa seera qabeessa Tigiraay malee konkolaataa qabatee gara humnoonni Tigiraay jiranitti socho'uun dhorkaadha'' jedhe. Gama biraatiin, gorsaan Muummee Ministiraa mootummaa federaalaa Geetaachoo Raddaa akeekkachiisota TPLF baase balaaleffataniiru. Geetaachoon miiidyaa hawwaasaa isaa irratti, hoggansi TPLF "mala shororkeessummaa beekamaa fayyadamuuf murteessuu isaa ifatti beeksiseera" jechuun qeeqaniiru. Getaachoon akeekkachiisa Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqalee irratti kenname ilaalchisee, ''TPLF xiyyaarota siiviilii gara Maqalee balali'an irratti tarkaanfii fudhachuu akka danda'u isaa nutti hime,'' jedhe. Haleellaa hamaa raawwachuuf karoorsuu isaanii beeksisaa jiru jechuun Getaachoon balaaleffateera. Mootummaan federaalaa Maqalee fi magaalota gurguddoo naannichaa to'annoo isaa jala galchuu himeera. Waraana naannoo Tigiraay marsaa jalqabaa bara 2020 hanga 2022 ture keessatti lubbuun namoota kuma dhibbaan tilmaamamuu darbuu Gmataan Afrikaa ibseera.

Seenaa sheikh bullaallaa

Halaal islamic media Seenaa sheikh bullaallaa ************************ Maqaan isaa sheikh bullaallaa ja'ama iddoon dhaloota isaa godina harargee bahaa aanaa jaarsoo bakka gafra qallaa ja'amu jiraachaa turan isaan gosaan jaarsoo ykn huume ja'ama lamaanirraa takkatti nuti qulqulleeyfachuu hin dandeenye ammoo gaafa qulqulleeyfanne kan isiniif finnu taha amma ammoo seenaa isaa tan arganne isiniif dhiheeysina hanga xumuraatti nufaana bu'aan afeerraa kheenya. Sheikh bullaallaan rabbiin rahmata isaaniif haa godhuu hoogganaa fi bulchaa ykn damiina guddaa warra huumee turan erga gadaan bulchiinsa isaanii dhumee hojii irraa boqonnaa fudhatanii booda osoo boqonnaan isaanii umrii boqonnaa kanaaf bakka hin kennin gara barnoota islaamaa deemanii barachuu eegalan ilma isaanii kan hangafaa waliin eegalanii ilma isaanii kan quxxusuu waliin qur'aana xumuran . San booda barnoota shari'aa islaamaa ballinaan irraa barachuudhaaf ulamaa'oota barbaaddatee damee inni irratti akkaan cimina qabu erga irratti baratee booda badhaasa kenneefii kabajaan geggeeysa akkasuma ammaas aalima biraa kan gosa barnoota biraa qabu yaammachuudhaan irraa baratee akkuma isa jalqabaa san badhaasaa fi kabajaa waliin geggeeysa bifuma kanaan osoo baratuu irra beektota beekhaa shari'aa islaamaa ta'ee ture. Yeroo barachaa turan keessa xumura kitaaba hundaa irratti afeerraa wadaajaa godhee rabbii isaa khadhachiifatee san booda kitaaba itti aanu barachuu eegala garuu gaafa alfiyyaa ibnu maalik barachaa ture osoo hin xumurin walakkaa irratti afeerraa wadaajaa godhanii xumura irrattiis afeerraa wadaajaa akka godhan haala kanaan alfiyyaa ibnu maalik irratti wadaaja yeroo lama godhee akka xumure seenaan ni ifoomsa Barattoota isaanii keessaa 1 sheikh muussaa addeelleeti rabbiin rahmata isaaniif haa godhu Seenaa sheikh bullaallaa irratti sheikh muusaa addeellee akkana ja'an "sheikh bullaalla isaanii caayaa oromoo jalatti heera murteeysaa ture keeysattiin deebi'ee carraa jacha rabbii (soddomman qur'aanaa ) barsiisuu badhaafame " ja'anii isaanii dubbatu dhaga'een jira ja'an . Sheikhni kheenya sheikh ahmad watar rabbiin umrii haa dheereeysuu jacha kana sheikha isaa nii sheikh muusaa addeellee irraa akka dhagayan nuuf himaniiru Gaaf tokko sheikh bullaallaan darasoota isaanii akka buna guuranii fidan ajajan gaafa isaan guuranii fidani akkana isaaniin ja'an "Namuutuu waan guurtanii fiddan abba xiqqoo guure abba guddoo guure waan guurtanii fiddan fudhadhaa galaa" je'een hanga ammaan duraa seenaan kun bifa afoolaatiin himamaa ture abbaan seenaa kanaa osoo hin beekkamin garuu arra abbaa seenaa kanaa isiniif finnee jirra inniniis sheikh bullaallaa ja'ama seenaa isaa guutuun tan asii olitti argitan tana

Balaan ibiddaa magaalaa dirree dhawaa mudachuun himame

Halaal islamic media
Balaan Ibiddaa Dirree Dhawaatti mudatee miidhaa guddaa qaqqabsiisee too'atamuun ibsame Halaal Radio: Zul-Hijjah 25/1445 Magaalaa Dirree Dhawaa Naannawa gabayaa Ashawwaatti balaan ibiddaa mudatee ture tattaaffii hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa taasisaniin toohatamuu bulchiinsi Dirree Dhawaa beeysise. Iddoo Gabayaa Ashawwaa ja'amee Beekamutti Ganama Kana balaan ibiddaa uumame kun Dukkaanota Gurgurtaa hedduu fi akkasumaas iddoo gurgurtaa Bishingaarra miidhaa olaanaa dhaqqabsisuun himamee jira. Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar iddoo balaan kun itti uumametti arkamuun haala ture kan daawwatan yoo tahu, ka'umsi balaa kanaa maal akka taheefi miidhaa hangam akka dhaqqabsiise qorannoon taasifamee ummataaf kan ifoomsamu tahuu himanii jiran. Jiraattotaa fi Qaamolee Nageenyaa Balaan kun miidhaa akka hin dhaqqabsiifne toohachuuf tattaaffii olaanaa taasisan kan galateeyftan kantiibaa Kadiir Juhaar,lammiilee balaa kanaan miidhaan irra gahe deeggaruu fi deebisanii dhaabuuf gamanumaa kurfiin haal duree taasifamaa jiraachuu ibsanii jiran jechuun kan gabaase Dire Tv - Afaan Oromooti.