Skip to main content

Balaan ibiddaa magaalaa dirree dhawaa mudachuun himame

Halaal islamic media
Balaan Ibiddaa Dirree Dhawaatti mudatee miidhaa guddaa qaqqabsiisee too'atamuun ibsame Halaal Radio: Zul-Hijjah 25/1445 Magaalaa Dirree Dhawaa Naannawa gabayaa Ashawwaatti balaan ibiddaa mudatee ture tattaaffii hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa taasisaniin toohatamuu bulchiinsi Dirree Dhawaa beeysise. Iddoo Gabayaa Ashawwaa ja'amee Beekamutti Ganama Kana balaan ibiddaa uumame kun Dukkaanota Gurgurtaa hedduu fi akkasumaas iddoo gurgurtaa Bishingaarra miidhaa olaanaa dhaqqabsisuun himamee jira. Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar iddoo balaan kun itti uumametti arkamuun haala ture kan daawwatan yoo tahu, ka'umsi balaa kanaa maal akka taheefi miidhaa hangam akka dhaqqabsiise qorannoon taasifamee ummataaf kan ifoomsamu tahuu himanii jiran. Jiraattotaa fi Qaamolee Nageenyaa Balaan kun miidhaa akka hin dhaqqabsiifne toohachuuf tattaaffii olaanaa taasisan kan galateeyftan kantiibaa Kadiir Juhaar,lammiilee balaa kanaan miidhaan irra gahe deeggaruu fi deebisanii dhaabuuf gamanumaa kurfiin haal duree taasifamaa jiraachuu ibsanii jiran jechuun kan gabaase Dire Tv - Afaan Oromooti.

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media