Halaal islamic media
Seenaa sheikh bullaallaa
************************
Maqaan isaa sheikh bullaallaa ja'ama iddoon dhaloota isaa godina harargee bahaa aanaa jaarsoo bakka gafra qallaa ja'amu jiraachaa turan isaan gosaan jaarsoo ykn huume ja'ama lamaanirraa takkatti nuti qulqulleeyfachuu hin dandeenye ammoo gaafa qulqulleeyfanne kan isiniif finnu taha amma ammoo seenaa isaa tan arganne isiniif dhiheeysina hanga xumuraatti nufaana bu'aan afeerraa kheenya.
Sheikh bullaallaan rabbiin rahmata isaaniif haa godhuu hoogganaa fi bulchaa ykn damiina guddaa warra huumee turan erga gadaan bulchiinsa isaanii dhumee hojii irraa boqonnaa fudhatanii booda osoo boqonnaan isaanii umrii boqonnaa kanaaf bakka hin kennin gara barnoota islaamaa deemanii barachuu eegalan ilma isaanii kan hangafaa waliin eegalanii ilma isaanii kan quxxusuu waliin qur'aana xumuran .
San booda barnoota shari'aa islaamaa ballinaan irraa barachuudhaaf ulamaa'oota barbaaddatee damee inni irratti akkaan cimina qabu erga irratti baratee booda badhaasa kenneefii kabajaan geggeeysa akkasuma ammaas aalima biraa kan gosa barnoota biraa qabu yaammachuudhaan irraa baratee akkuma isa jalqabaa san badhaasaa fi kabajaa waliin geggeeysa bifuma kanaan osoo baratuu irra beektota beekhaa shari'aa islaamaa ta'ee ture.
Yeroo barachaa turan keessa xumura kitaaba hundaa irratti afeerraa wadaajaa godhee rabbii isaa khadhachiifatee san booda kitaaba itti aanu barachuu eegala garuu gaafa alfiyyaa ibnu maalik barachaa ture osoo hin xumurin walakkaa irratti afeerraa wadaajaa godhanii xumura irrattiis afeerraa wadaajaa akka godhan haala kanaan alfiyyaa ibnu maalik irratti wadaaja yeroo lama godhee akka xumure seenaan ni ifoomsa
Barattoota isaanii keessaa
1 sheikh muussaa addeelleeti rabbiin rahmata isaaniif haa godhu
Seenaa sheikh bullaallaa irratti sheikh muusaa addeellee akkana ja'an "sheikh bullaalla isaanii caayaa oromoo jalatti heera murteeysaa ture keeysattiin deebi'ee carraa jacha rabbii (soddomman qur'aanaa ) barsiisuu badhaafame " ja'anii isaanii dubbatu dhaga'een jira ja'an .
Sheikhni kheenya sheikh ahmad watar rabbiin umrii haa dheereeysuu jacha kana sheikha isaa nii sheikh muusaa addeellee irraa akka dhagayan nuuf himaniiru
Gaaf tokko sheikh bullaallaan darasoota isaanii akka buna guuranii fidan ajajan gaafa isaan guuranii fidani akkana isaaniin ja'an "Namuutuu waan guurtanii fiddan abba xiqqoo guure abba guddoo guure waan guurtanii fiddan fudhadhaa galaa" je'een hanga ammaan duraa seenaan kun bifa afoolaatiin himamaa ture abbaan seenaa kanaa osoo hin beekkamin garuu arra abbaa seenaa kanaa isiniif finnee jirra inniniis sheikh bullaallaa ja'ama seenaa isaa guutuun tan asii olitti argitan tana
Post Top Ad
Responsive Ads Here
Tuesday, February 04, 2025
Home
Unlabelled
Seenaa sheikh bullaallaa
Seenaa sheikh bullaallaa
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Post Bottom Ad
Responsive Ads Here
Author Details
Templatesyard is a blogger resources site is a provider of high quality blogger template with premium looking layout and robust design. The main mission of templatesyard is to provide the best quality blogger templates which are professionally designed and perfectlly seo optimized to deliver best result for your blog.

No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com