HIJAABA !!!
Mata dureen kun barbaachisaa waan
teheef sirritti dubbisi.... Akkasuma
obboleeyyan keetiifis SHARE godhi !!
Durarratti hijaabni dirqama rabbiin
shamarran islaamaa cufarra kaaye
tahuun beekkamaadha. Hijaabni kun
ulaagaalee mataa isaa qaba. Akka
ulamaa'iin islaamaa kaayanitti
ulaagaa (sharxii) 8 qaba.
1. Qaama guutuu hagooguu qaba.
Qaama dubartiirraa wanni mullisuun
hayyamamu fuulaa fii shanacha
harkaa qofa !! Ammas niqaabni
sunnaa dha malee waajibaa miti .
2. Uffata dhiira harkisu tahuu hin
qabu !! Calalaqaa faa tahuu hin
qabu jechuu dha .
3. Happii tahuu hin qabu. Hijaabni
wanni uffatamuuf qaama dhoysuufi,
yooniif happii tehe qaama waan
mullisuuf jecha hin tahu !! Ergamaan
rabbii S.A.W akkana ja'a " zamana
boodaa keessatti dubartii uffattu
garuu tan qullaa deemtuutu dhufuuf
taa'a!!, ummata san hoggaa agartan
abaaraa... Isaan abaaramoodha !!"
ja'a. Hadiisa kanarraa wanni
hubannu ummanni ergamaan keenya
jecha jiru sun uffata ni uffatan garuu
happii waan teheef isaan hin
dhoysu !!!
4. Dhippoo tahuu hin qabu. Yooniif
dhippoo tahe qaama waan mullisuuf
ballaa tahuu qaba.
5. Shittoo (axira) qabaachuu hin
qabu. Dubartiin islaamaa takka yeroo
Ala baatu shittoo godhachuu hin
qabdu . Ergamaan rabbii S.A.W
akkana ja'a " dubartiin shittoo
godhattee ummata tokko bira dabarte
akkuma nama zinaa dalageeti"
ammas ergamaan rabbii akkana ja'a "
yaa jamaa'aa shamarranii... Yeroo
gara masjiidaa deemtan shittoo itti
hin dhihaatinaa !!!" hoggaa tan
masjiidatti deemtuun itti hin
dhihaatin ja'ame tan magaalaa
deemtuun hoo ??? Ulamaa'iin
islaamaa "dhalaan takka shittoo
dibattee ala bahuu kabaa'ira " dilii
gurguddoo" rraa lakkaawanii jiran !!
6. Uffata dhiiraa fakkaachuu hin
qabu. Ergamaan rabbii S.A.W akkana
ja'an "dhiirti dhalaatti fakkaattu
nurraahii miti. Akkasuma dhalaan
dhiirtti fakkaattus nurraahii miti "
kun hijaaba qofa osoo hin tahin waa
hunda keessatti !!!
7. Uffata shamarran kaafiraa
faakkaachuu hin qabu , kunis hijaaba
qofa osoo hin tahin uffata cufa
keessatti !!
8. Uffata ittiin beekkamuuf uffatan
tahuu hin qabu , jechuun :- uffata
tokko nama keysaa ittiin na haa
beekanii jettee uffachuun hin tahu !!
Kun dhiiraa fii dhalaas ni laalchisa !!!
Walumaa galatti ulaagaaleen
hijaabaa kana fakkaata !!
Hadaraa....osoo SHARE hin goone
bira hin dabrin
Raadiyoo mb

No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com