Ulaagaa Laa ilaaha illallaah
Jechi laa ilaaha illallaah jedhu, ulaagaalee armaan gadii guutuu qabdi:
1. Beekumsa (Ilmii) faallaa wallaalummaa.
2. Mirkaneessuu faallaa shakkii.
3. Qulqulleessuu faallaa shirkii.
4. Dhogoomsuu faallaa kijibsiisuu.
5. Jaalala faallaa jibbaa.
6. Massakamuu faallaa dhiisuu.
7. Fudhachuu faallaa diduu ykn dhiisuu.
8. waan Rabbiin alatti gabbaramutti Kufaruu.
Ibsa Ulaagaalee bal’inaan
1. Beekumsa (Al-ilm) faallaa wallaalumma:
Jechi hundi hiikkaa qaba. Hiikkaan “Laa Ilaaha
Illallaah” beekumsa wallaala dhabamsiisu beekuudha. Jechi kun ibaadaa waan biraa irraa dhabamsiisun Rabbiif qofaaf mirkaneessiti. Hiikni isiis “Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu hin jiru” jechuu dha. Rabbiin ol tahe akkana jedha:
Muhammad 47:19
فَٱعْلَمْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ
(Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki;)
2. Mirkaneessuu (Al-yaqiin) faallaa shakkii:
Innis ergaa isii jala muranii mirkaneessuudha. waan
isiin shakkii, mamii, quuqaa onnee, kkf hin
qeeballeef. Yaqiina jala murame irra dhaabbachuu qabdi. Rabbiin Ol tahe yeroo haala mu’uminoota ibsu akkana jedha :
Al-Hujurat 49:15
إِنَّمَا ٱلْمُؤْمِنُونَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ ثُمَّ لَمْ يَرْتَابُوا۟ وَجَٰهَدُوا۟ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِۚ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ
(Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii shakkii hin qabaatiniifi qabeenya isaanitiifi lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan isaanumatu warra dhugaati.)
3. Qulqullummaa (Al-Ikhilaas) faallaa Shirkii:
Fuula Rabbii qofa kajeeluudha. Rabbiin ol-tahe akkana jedha :
Al-Bayyinah 98:5
وَمَآ أُمِرُوٓا۟ إِلَّا لِيَعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ حُنَفَآءَ
(Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu,)
4. Dhugaan jechuu (As-sidq) faallaa
kijibsiisuu:
Hiikni isaa jecha keessaan kijibsiisuu hin qabne jechuudha. Kanaaf namni arraba isaa qofaan isii jedhee onnee isaatiin isii kijibsiise, inni munaafiqa.
Ragaan isaas jecha Rabbii :
Al-'Ankabut 29:2
أَحَسِبَ ٱلنَّاسُ أَن يُتْرَكُوٓا۟ أَن يَقُولُوٓا۟ ءَامَنَّا وَهُمْ لَا يُفْتَنُونَ
(Sila namoonni “amanne” jechuudhaan odoo hin mokkoramin dhiifamuu yaaduu?)
Al-'Ankabut 29:3
وَلَقَدْ فَتَنَّا ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْۖ فَلَيَعْلَمَنَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ صَدَقُوا۟ وَلَيَعْلَمَنَّ ٱلْكَٰذِبِينَ
(Dhugumatti, Nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirra. Dhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuuf jira, sobdootas beekuuf jira.)
5. Jaalala (Al-mahabbah) faallaa jibbuu:
Mu’uminni jechattii tana ni jaalata. Ergaa isiin
dabarsituttis hojjechuu ni jaallata. Warra isiitti hojjatus ni jaallata. Mallattoon gabrichi Rabbiin jaallachuu; yoo fedha isaatiin wal dhabeyyuu waan Rabbi jaallatu dursuudha, nama Rabbii fi ergamaa Isaa jaalallee godhate jaalallee godhachuudha, nama isaanitti diina ta’e diina itti ta’uudha, ergamaa
Isaa صلى الله عليه وسلم hordofuudha, qajeelfama isaanii fudhatanii
hojiirra oolchuudha.
Al-Baqarah 2:165
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَتَّخِذُ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَندَادًا يُحِبُّونَهُمْ كَحُبِّ ٱللَّهِۖ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَشَدُّ حُبًّا لِّلَّهِۗ
(Namoota irraas nama Rabbiin ala gabbaramoota (biraa) kan akka Rabbiin jaallatanutti isaan jaallatan godhatantu jiru. Isaan amanan irra caalaa Rabbiin jaallatu.)
6. Ajajamuu ykn Masakamuu (AlInqiyaadu) faallaa dhiisuu:
Tawhiidaf ajajama guutuu ajajamuudha. Kun madaala dhugaa fi raawwii mul’ataa Iimaana ti. Kun waan Rabbi ajaje hojjachuuni fi waan Inni irraa dhorge dhiisun dhugooma. Rabbi ol tahe akkana jedha:
Luqman 31:22
وَمَن يُسْلِمْ وَجْهَهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِ وَهُوَ مُحْسِنٌ فَقَدِ ٱسْتَمْسَكَ بِٱلْعُرْوَةِ ٱلْوُثْقَىٰۗ وَإِلَى ٱللَّهِ عَٰقِبَةُ ٱلْأُمُورِ
(Namni toltuu hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne (bute) dhugumatti funyoo cimaa qabateera; booddeen wantoota hundaatuu gara Rabbiiti.)
Az-Zumar 39:54
وَأَنِيبُوٓا۟ إِلَىٰ رَبِّكُمْ وَأَسْلِمُوا۟ لَهُۥ مِن قَبْلِ أَن يَأْتِيَكُم

No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com