Skip to main content

Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annaa jala oolche

Halaal islamic media Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annaa jala oolche Halaal media: Shawwaal 15/1445 Poolisiin Federaalaa miseensa isaa Saajinii itti aanaa Taammanaa Dubbaalee gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwachuusaan to'annaa jala oolchuu beeksiseera. Poolisiin Federaalaa ibsa miidiyaaf ergeen Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa amantii hundaaf kabaja walqixa akka qabu himeera. Poolisiin Federaalaa loogii amantii, sabummaafi siyaasa kamirraayyu bilisa ta'uun heddummina duudhaa kan taasifate dhaabbata uummataa ta'uus beeksiseera. Yunivarsiitii Poolisii Federaalaatti miseensa kan ta'e Saajinii itti aanaa Taammanaa Dubbaalee miseensa haaraa akka filuuf gara naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa aanaa Gezee Goofaatti yeroo ergametti Amajjii 05, 2016 Mana Amantaa Ortodoksii Keechoo Wazee Qulqulluu Baalawalditti argamuun uffata dambii Poolisii Federaalaa uffatee faarfannaa amantii faarfachuun uummata fuulduratti qawwee osoo dhukaasuu viidiyoon miidiyaa hawaasaarra naanna'aa ture Dambii ittiin bulmaata dhaabbatichaan ala ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera. Miseensa kanas yerosuma to'annoo jala oolchuun seeraafi dambii dhaabbatichaan qorannoo irratti gaggeessaa akka jiru ibseera. Poolisiin qaama hunda qixaan kan tajaajiluufi amantii isaas dhuunfaan hordofuu kan danda'u ta'ee osoo jiruu miseensi kun meeshaa mootummaan nageenya uummataa akka ittiin eeguuf hidhachiise bakka hawaasni hedduun argamutti namuusa poolisii karaa cabseen dhukaasuun isaa seeraan kan gaafachiisu waan ta'eef seeratti kan dhiyeessuu ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera. Poolisii Federaalarraa odeeffanne. OBN wabeeffanneerra. Toora asii gadiitiin nuhordofaa https://halaalmedia.blogspot.com https://halaalmedia.website.org https://www.youtube.com/@Halaalmediaa

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media