ODUU AMMEE
Halaal Radio FM
Sagalee Halaalaa • Sagalee Hawaasaa
π° Oduuwwan fi Barruulee Haaraa
TPLF 'sochiin kamiyyuu gara Buufata Xiyyaaraa Maqaleetti akka hin godhamne akeekkachiise
Barreessaa: π
Guyyaa: October 18, 2026⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
Bulchiinsi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) duraan mootummaa Naannoo Tigraay to'achaa ture, Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee keessatti ''sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne'' akeekkachiiseera.
Gorsaan Ministira Muummee, Geetaachoo Raddaa, ibsi TPLF kun xiyyaarota siiviilii gara Maqalee balali'an ''haleeluun tarkaanfii fudhachuun TPLF akkuma amala isaa dhimma shororkeessummaaf itti fayyadamuuf murteessuu isaa agarsiisa'' jedhe.
TPLF kan Dr Dabretsiyoon Gabramaikaa'eliin durfamu Jimaata kaleessaa ibsa baase keessatti akeekkachiisa sadii dabarseera. Isaan keessaa tokko Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqalee ilaalchisee ture.
Yeroo walitti bu'iinsi torban sadii dura jalqabame, buufataaleen xiyyaaraa Maqalee, Shiree fi Aksum humnoota Tigraayiin to'atamaa turan.
Haa ta'u malee, mootummaa federaalaa fi humnoonni mootummaa wajjin hiriiran magaalota gurguddoo erga to'atanii booda, buufataaleen xiyyaaraa kunneenis to'annoo mootummaa federaalaa jalatti deebi'aniiru.
To'annaan buufataalee xiyyaaraa humnoota Tigraay harkaa ture yeroo sanatti Gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi mootummaa Biritaaniyaa irraa mormii kaasee ture.
Buufatni Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa to'annoo mootummaa federaalaa jala erga galeen booda, Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii gara Maqalee addaan citee ture torban darbe Dilbata irraa eegaleera.
TPLF ibsa isaa keessatti, buufatni xiyyaaraa Maqalee hojii geejjibaa siiviiliif oolurra mootummaan federaalaa buufata xiyyaaraa humnoota ''Wal Ta'insa Of Baraaruu [Tibibir Le Hilliwunaa] jedhamuun irratti cufame deddeebisa waraanaa fi loojistikii waraanaaf itti dhimma bahaa jira jechuun himate.Kana irratti hundaa'uunis, TPLF "Buufata xiyyaaraa kana keessatti sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne cimsinee akeekkachiisna" jechuun akeekkachiiseera.Itti dabaluun TPLF ji'oota jaha dhufaniif naannoo Tigiraay akka gaggeessuuf ''Bulchiinsa Imaanaa'' jechuun kan mootummaan federaalaa hundeesse waliin caasaan mootummaa naannichaa akka hin hojjenne akeekkachiise.
Waajjirri Ministira Muummee Bulchiinsa Imaanaa jechuun Jimaata darbe hundeesse.
Akka mootummaa federaalaatti, mootummaa yeroo cehumsaa kun tajaajila mootummaa guyyaa guyyaan kennuu, haala filannoon itti gaggeeffamu mijeessuu, nageenya mootummaa naannichaa tasgabbeessuu, mootummaa naannichaa diigame deebisanii ijaaruu fi lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisanii qubachiisuu irratti hojjeta.
Bulchiinsi Imaanaa jedhame kun hanga mootummaa uummataan filatame hundeeffamutti kan turu yoo ta'u, qajeelfamaa fi kallattii mootummaa federaalaan kennamuun akka hojjetu ibsameera.
Dhimmoota tarsiimoo yeroo dheeraa irratti murtoo akka hin kennines mootummaa federaalaan ibsameera.
TPLF garuu bulchiinsa haaraa hundeeffame kana ''cimsinee mormina'' jechuun beeksiseera.
Ibsa baase keessatti bulchiinsa Imaanaa jedhamuun mootummaan federaalaa hundeesse kana "meeshaa mootummaa federaalaa" jechuun ibse.
kennamu kamiyyuu mootummaa fi seeraan fudhatama hin qabu jechuun mootummaa naannichaa fi uummataaf dhaameera.
Dabalataanis, Bulchiinsa Imaanaa jedhamu kanaan murtoon kennamu kamiyyuu fudhatamaa fi seerummaa akka hin qabne beeksifna jedhan.
Qaamni kamiyyuu bulchiinsa haaraa hundaa'e kana dhaabbannaan akka mootummaa Badhaadhinaa waliin dhaabbateetti ilaalamee itti gaafatamummaa isaa fudhata jedhe.
Dabalataan TPLF ibsa isaa keessatti sochii gara humnoonni Tigraay jiranitti godhamu irratti daangaa kaa'eera.
''Bitamtootaa fi baandaawwan tokko tokko Konkolaataa xixiqqaa fi meeshaalee qunnamtii qabachuun hojii basaasaaf'' gara Humnoonni Tigiraay jiratti socho'uu isaanii kanneen qaban irraa mirkaneessineerra jedhe.
''Namni kamiyyuu eeyyama bulchiinsa seera qabeessa Tigiraay malee konkolaataa qabatee gara humnoonni Tigiraay jiranitti socho'uun dhorkaadha'' jedhe.
Gama biraatiin, gorsaan Muummee Ministiraa mootummaa federaalaa Geetaachoo Raddaa akeekkachiisota TPLF baase balaaleffataniiru.
Geetaachoon miiidyaa hawwaasaa isaa irratti, hoggansi TPLF "mala shororkeessummaa beekamaa fayyadamuuf murteessuu isaa ifatti beeksiseera" jechuun qeeqaniiru.
Getaachoon akeekkachiisa Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqalee irratti kenname ilaalchisee, ''TPLF xiyyaarota siiviilii gara Maqalee balali'an irratti tarkaanfii fudhachuu akka danda'u isaa nutti hime,'' jedhe.
Haleellaa hamaa raawwachuuf karoorsuu isaanii beeksisaa jiru jechuun Getaachoon balaaleffateera.
Mootummaan federaalaa Maqalee fi magaalota gurguddoo naannichaa to'annoo isaa jala galchuu himeera.
Waraana naannoo Tigiraay marsaa jalqabaa bara 2020 hanga 2022 ture keessatti lubbuun namoota kuma dhibbaan tilmaamamuu darbuu Gmataan Afrikaa ibseera.
Appiin halaal radio hojjatee xumuramuu
Barreessaa: π
Guyyaa: October 17, 2026⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
akkaataa poppo live irraa itti qarshii argattan
Barreessaa: π
Guyyaa: March 27, 2026⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Barnoota ahkaama tajwiidaa
Barreessaa: π
Guyyaa: December 17, 2025⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
Beeysisa markaza daaruliimaan #imo
Barreessaa: π
Guyyaa: September 21, 2025⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
seenaa sheikh ahmad guddoo
Barreessaa: π
Guyyaa: June 10, 2025⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
seenaa sheikh ahmad guddoo
eid mubaarak
Barreessaa: π
Guyyaa: March 29, 2025⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Seenaa sheikh bullaallaa
Barreessaa: π
Guyyaa: February 04, 2025⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
Seenaa sheikh bullaallaa
************************
Maqaan isaa sheikh bullaallaa ja'ama iddoon dhaloota isaa godina harargee bahaa aanaa jaarsoo bakka gafra qallaa ja'amu jiraachaa turan isaan gosaan jaarsoo ykn huume ja'ama lamaanirraa takkatti nuti qulqulleeyfachuu hin dandeenye ammoo gaafa qulqulleeyfanne kan isiniif finnu taha amma ammoo seenaa isaa tan arganne isiniif dhiheeysina hanga xumuraatti nufaana bu'aan afeerraa kheenya.
Sheikh bullaallaan rabbiin rahmata isaaniif haa godhuu hoogganaa fi bulchaa ykn damiina guddaa warra huumee turan erga gadaan bulchiinsa isaanii dhumee hojii irraa boqonnaa fudhatanii booda osoo boqonnaan isaanii umrii boqonnaa kanaaf bakka hin kennin gara barnoota islaamaa deemanii barachuu eegalan ilma isaanii kan hangafaa waliin eegalanii ilma isaanii kan quxxusuu waliin qur'aana xumuran .
San booda barnoota shari'aa islaamaa ballinaan irraa barachuudhaaf ulamaa'oota barbaaddatee damee inni irratti akkaan cimina qabu erga irratti baratee booda badhaasa kenneefii kabajaan geggeeysa akkasuma ammaas aalima biraa kan gosa barnoota biraa qabu yaammachuudhaan irraa baratee akkuma isa jalqabaa san badhaasaa fi kabajaa waliin geggeeysa bifuma kanaan osoo baratuu irra beektota beekhaa shari'aa islaamaa ta'ee ture.
Yeroo barachaa turan keessa xumura kitaaba hundaa irratti afeerraa wadaajaa godhee rabbii isaa khadhachiifatee san booda kitaaba itti aanu barachuu eegala garuu gaafa alfiyyaa ibnu maalik barachaa ture osoo hin xumurin walakkaa irratti afeerraa wadaajaa godhanii xumura irrattiis afeerraa wadaajaa akka godhan haala kanaan alfiyyaa ibnu maalik irratti wadaaja yeroo lama godhee akka xumure seenaan ni ifoomsa
Barattoota isaanii keessaa
1 sheikh muussaa addeelleeti rabbiin rahmata isaaniif haa godhu
Seenaa sheikh bullaallaa irratti sheikh muusaa addeellee akkana ja'an "sheikh bullaalla isaanii caayaa oromoo jalatti heera murteeysaa ture keeysattiin deebi'ee carraa jacha rabbii (soddomman qur'aanaa ) barsiisuu badhaafame " ja'anii isaanii dubbatu dhaga'een jira ja'an .
Sheikhni kheenya sheikh ahmad watar rabbiin umrii haa dheereeysuu jacha kana sheikha isaa nii sheikh muusaa addeellee irraa akka dhagayan nuuf himaniiru
Gaaf tokko sheikh bullaallaan darasoota isaanii akka buna guuranii fidan ajajan gaafa isaan guuranii fidani akkana isaaniin ja'an "Namuutuu waan guurtanii fiddan abba xiqqoo guure abba guddoo guure waan guurtanii fiddan fudhadhaa galaa" je'een hanga ammaan duraa seenaan kun bifa afoolaatiin himamaa ture abbaan seenaa kanaa osoo hin beekkamin garuu arra abbaa seenaa kanaa isiniif finnee jirra inniniis sheikh bullaallaa ja'ama seenaa isaa guutuun tan asii olitti argitan tana
Halaal raadiyoon tamsaasa isaa yeroo dhihoodhatti eegaluuf
Barreessaa: π
Guyyaa: November 17, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Balaan ibiddaa magaalaa dirree dhawaa mudachuun himame
Barreessaa: π
Guyyaa: July 02, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
Balaan Ibiddaa Dirree Dhawaatti mudatee miidhaa guddaa qaqqabsiisee too'atamuun ibsame
Halaal Radio: Zul-Hijjah 25/1445
Magaalaa Dirree Dhawaa Naannawa gabayaa Ashawwaatti balaan ibiddaa mudatee ture tattaaffii hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa taasisaniin toohatamuu bulchiinsi Dirree Dhawaa beeysise.
Iddoo Gabayaa Ashawwaa ja'amee Beekamutti Ganama Kana balaan ibiddaa uumame kun Dukkaanota Gurgurtaa hedduu fi akkasumaas iddoo gurgurtaa Bishingaarra miidhaa olaanaa dhaqqabsisuun himamee jira.
Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar iddoo balaan kun itti uumametti arkamuun haala ture kan daawwatan yoo tahu, ka'umsi balaa kanaa maal akka taheefi miidhaa hangam akka dhaqqabsiise qorannoon taasifamee ummataaf kan ifoomsamu tahuu himanii jiran.
Jiraattotaa fi Qaamolee Nageenyaa Balaan kun miidhaa akka hin dhaqqabsiifne toohachuuf tattaaffii olaanaa taasisan kan galateeyftan kantiibaa Kadiir Juhaar,lammiilee balaa kanaan miidhaan irra gahe deeggaruu fi deebisanii dhaabuuf gamanumaa kurfiin haal duree taasifamaa jiraachuu ibsanii jiran jechuun kan gabaase Dire Tv - Afaan Oromooti.
Waraanni israa'iliifii meeshaan waraanaa isaanii daarawuun akkuma itti fuftetti jirti
Barreessaa: π
Guyyaa: July 02, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an
Barreessaa: π
Guyyaa: July 02, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame
gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti
Waraanni hamaas saaruukha "sahmul ahmar" ja'amu fayyadamuu hime
Barreessaa: π
Guyyaa: June 26, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
waraanni hamaas duula qindaawaa waraana israa'ilii wajjiin geggeeysaa jiru irratti saaruukha "sahmul ahmar" (xiyya diimaa) ja'amu fayyadamaa kan jiru yoo tahu
dubbiin itti jabaannaan yeroo ammaan tanaa kana netniyaahoon waraanni magaalaa raafaarratti godhamaa jiru akka dhaabbatuuf batachaa jiraachuu aljaziiraan walharkaa fuudhuudhaan gabaasaa jirti
Lolli israa'ilii fi hamaas eegalee arra guyyaa 263
Barreessaa: π
Guyyaa: June 26, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Sheikh jamaal siiraa eenyu?
Barreessaa: π
Guyyaa: June 25, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
By Adam Hussen
#IYYAA_IYYA_DABARSAA
Sheek Jamaal Siiraa murabbiidha
Sheek Jamaal Siiraa hoogganaadha
Sheek Jamaal Siiraa barsiisaadha
Sheek Jamaal Siiraa khaxiiba
Sheek Jamaal Siiraa mufakkira islamaati
Sheek Jamaal Siiraa mu'arrikha isalamaa khan jaarraa khanaati…
Sheek Jamaal Siiraa Hayyuu hayyummaa isaatiin dhiigni islaamaa aanaa Mi'eessoo fi gumbii keessatti dhangala'uurraa dhaabbate.
Aalima sababii isaatiin Rakkoo bara meeqaa islaamni haara itti galfate.
#SEENAA_IMALA_ILMII_SHEEKH_JAMAAL SIIRAA
================================
ππSeenaa Dhaloota Isaanii Gabaabinaan:-πππ
✅️Maqaan Guutuun isaanii Sheek Jamaal Ahmad Gulubee jedhama, Iddoon dhaloota isaanii Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi'eessoo
Araddaa Harammaroo Deeymaatti
Bara 1973 ETC dhalatan, Umrii isaanii daa'imummaatti idduma dhaloota isaatti qur'aana barachuu eegalanii Sana booda Aanoota adda addaa kan Goodina harargee lixaa fi bahaa keessatti argaman hedduu keessa deemuun ilmii adda addaa barachaa turan, walumaa galattiTurtii Barnoota Keessatti dabarsan Waggaa 26 yommuu tahu
IDDOO ISAAN ILMII ITTI BARATANII FI NAMOOTA SHEEKHNI IRRATTI BARATAN AKKA ARMAAN GADII KANA TAHA
✅️Iddoo Ilmii Barachuuf Naanna'an: π
Godina harargee Lixaa:-
πAanaa Ml'eessoo
πAanaa Gubbaa Qorichaaa
πAanaa Bookee
πAanaa Gammachiis
πAanaa Habroo
πAanaa Gumbii Bordoddee
πAanaa Gubbaa Qorichaa
πAanaa Ancaar
✅️Godina Harargee Bahaa Immoo:-ππ
πAanaa Kombolchaa
πAanaa Haramaayaa
πAanaa Qarsaa
πAanaa Fadis
πAanaa Haramaayaa
πMagaalaa Harar
✅️Sheeka Isaan Ilmii irraatti Baratan:π
1. Sheek Mahammad Usmaan Wadaay
2. Sheek Ibraahim Ahmad Ibroo
3 . Sheek Ahmad Bubbee
4. Sheek Abraahim Zeeynii
5 . Sheek Abdurahmaan Sa'id
6. Sheek Jamaal Sheek Hassan
7. Sheek Mahammad Siraaj
8. Sheek Yuunus Adam
9. Sheek Kamaal.......
10. Sheek Yuusuf Ahmad(waajii)
11 Sheek Adam Bakar
12. Sheek Abdallaa Burqaa
13. Sheek Aliyyi Sheek Ibraahim
14. Sheek Aliyyii Caatee
15. Sheek Ahmadnuur
16. Sheek Ahmaddiin Muussaa
17. Sheek Abdurazzaq Baabilee
18. Sheek Jamaal Abdullaa(imaama M/Magaalaa/harar
19 . Sheek Aliyyii Fallaanaa
20 . Sheek Ahmad Watar
21 . Sheek Adam Tuulaa alkallattiin fi kkf dha
=======================//=
✅️ Gosoota Ilmii Isaan baratanii fi barsiisaa jiranππππππ
π.kitaabota Mukhtasaraa
π.Tafsiiraa Qur'aanaa
π.Fannii Aqiidaa
π .Fannii siiraa ballinaan
π.Kitaabota Sunana
π.Kitaabota Nahwii
π.Fannii Faraa'idaa
π.Fannii Qawaa'idaa
π.Fannii Fiqhii
π.Fannii Musxalahaa
π.Fannii Sarfii
π.Fannii Hisaabaa
π .Usuulul Fiqhii
π.Fannii Balaaghaa
π .Fannii Manxiqaa fi kkf dha.
Sheek Jamaal Siiraa Hayyuu hayyummaa isaatiin dhiigni islaamaa aanaa Mi'eessoo fi gumbii keessatti dhangala'uurraa dhaabbate.
Aalima sababii isaatiin Rakkoo bara meeqaa islaamni haara itti galfate.
✅️πAkkuma qur'aanaa fi hadiisa Keeysatti dubbatamee jirutti Rabbiin dachii tanarratti uumama isarraa warra beekkomsaan sadarkaa isaanii ol-fudheetu jira Ragaan khanaa jacha rabbii olaaneeti.
ΩَΨ±ْΩَΨΉُ Ψ§ΩΩΩُ Ψ§ΩΨ°ِΩΩَ Ψ’Ω
َΩُΩΨ§ Ω
ِΩْΩُΩ
ْ ΩΨ§ΩΨ°ِΩΩَ Ψ£ُΩΨͺΩΨ§ Ψ§ΩΨΉِΩْΩ
َ
Ψ―َΨ±Ψ¬Ψ§Ψͺٍ) (Ψ³ΩΨ±Ψ© Ψ§ΩΩ
Ψ¬Ψ§Ψ―ΩΨ© : 1
✅️Sheikh Jamaal Siiraa :- Aalimni guddaan khun erga qubatanii Rakkoolee hawaasa isaanii eega rabbiitii gama hundaan furuu danda'anii jiru.garuu Rakkolee jiruuf jireenyaa kan Isaan qunnaman hunda obsaan dabarsaa Ilmii sheekkan hedduu irraa dhaalanii fi Walakkaa Umrii Isaaniitii ol keessatti dabarsan kana dhaloota barsiisaa jiru.
✅️Sheikh Jamaal siiraa Abbaa fanniiwwan hunda tahuu isaatii fi majlisa ilmii SAMARATUL MARJUWWAA barsiisuun cinatti. Maaddaa haraashii halkanii fi guyyaa iddoo afurii olitti barsiisaa kan jiruu.
Erga qubatanii ilmii barsiisuu eegalan waggaa 11 gahanii jiru. Haaluma kanaan sheekni amata 26 kan baratan yommuu tahu amata 11 barsiisuu irra turan walumaagalatti umriin sheekhaa umriin isaanii 42 hanga 44 jidduu jira sheekhni Afurtam jireessa akkasumaas Dhimmoota Hawaasummaa keessattis yeroo ammaa sadarkaa adda addaa irratti nama hojjechaa jiruu dha: fknππ
πI/G Fataawaa Aanaa Mi'eessooti
πkoree Gamtaa Ulamaa'ii Godina Harargee Lixaati
πI/A I/G M/M/Dh/Islaamaa Godina Harargee Lixaa ta'anii tajaajilaa jiru.
*Kayyoon garee Dirmachuu Ulamaa'ii*
# *Sheikh*_Jamaal siiraa Leenca Fakkii Namaa Madda Beekkumsaa bahara Ilmiiti! Wardiiyyaa Diin Islaamaati!!
Abbaa Darasoota kumaatamaan lakkaa'amaniiti Goota Diin Islaamaatiin biyya faaye. Hayyicha Guddaa lafti Carcar biqilchite
# *Aalimaa* Fanniiwwaan garaa garaa barsiisuuf halaa mijjataa fi maddaa galii tookko malee Biyyaa tiyyan fayyada jachuudhaan Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi'eessoo araddaa deyyma fi Hussee. jedhamutti Majliisa Sosso'aa dhaabuudhan barsiisaa kan jiru yo ta’uu . qubsumaa Isaa kana jajjabeessuf Daa'ii, fi Sheikhootin teenyaa Mariidhaan tokkuummaan garee Whtsup *Dirmachuu Ulamaa'ii* kessatti keeyrii tana irra akka qodaa fudhatan Afeerraa Isiniif taasisaa jiran. tokkollen nurra hin hafinaa isiniin jenna.
Aalima kheenya qubsiifnee gahee teenya akka bahannu
Baankii daldala CBE. 1000570439816
Hojii gamtaa oromiyaa 1050500084406
Duulli waraanaa Raafaa goolabamuutti dhihaateera jechuun waraana dhaabne jechuu miti- Neetaniyaahuu
Barreessaa: π
Guyyaa: June 25, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
Duulli waraanaa Raafaa goolabamuutti dhihaateera jechuun waraana dhaabne jechuu miti- Neetaniyaahuu
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu duulli waraanaa bifa addaan Raafaa keessatti gaggeessaa turan goolabamuu ga'uu ibsuun kana jechuun garuu waraanni Gaazaa obba'e jechuu akka hin taane himaniiru.
Ganama kanarraa ka'ee hanga ammaatti namoonni 21 akka du'an gabaafame
Barreessaa: π
Guyyaa: June 24, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
haleellaa israa'il gaazaarratti raawwatteen ganama kanarraa qabee hanga ammaatti lammiileen filisxiin 21 ajjeefamuun gabaafamee onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti daa'imman kuma 21 gaazaa keeysatti akka ajjeefame ministeerri fayyaa gaazaa gabaasee jira
Masjiidul aqsaatti guyyaa arraa namoota kuma 30 caaluutu salaate
Barreessaa: π
Guyyaa: June 21, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
salaata juma'aa arraan tanaa masjiidul aqsaatti muslimoonni kuma 30 caalaan salaatuu tv falasxiin gabaasee jira
Ajajaan waraana israa'il duraanii waa'ee netniyaahoo dubbate
Barreessaa: π
Guyyaa: June 20, 2024⏱️ Yeroo dubbisaa herregaa jira...
Halaal islamic media
πΊAjajaa Waraana Israa'el Kutaa Gaazaa duraanii:
Haasaan Netaaniyaahuun Kongireesii duratti taasisan balaa waan ta'eef miidhaa hin suphamne geessisuu mala jachuudhaan dubbate



























