Raadiyoo madda beekumsaa seenaa abaa bakrii raadiyoo mb “Namni tokkollee tola nuuf hin oolle. Kan tola nuuf ooleefis, Harka isaa kan nuti hin deebi’iniif hin jiru, Abbaa Bakrii malee! Abbaan Bakrii galata inni nu biraa qabu, Rabbitu nurraa galcha Guyyaa Qiyaamaa. Waa na hin fayyadne qabeenyi tokkolle akka qabeenyi Abbaa Bakrii na fayyadetti’. “Osoo jaalalle godhachuun ka naaf hayyamamuutii Abbaa Bakrii jaalallee godhadha.” jedhan Rasuulli s.a.w. Abbaan Bakrii nama sadrkaan isaa Rabbii fi Muslimtoota birattis ol fuudhame dha. Sababaa waan Nabi Rabbiiti s.a.w tumsef guyyaa namni isa xiqqeesse, Nama dhugoomse Nabi Rabbii, guyyaa namni isa kijibsiisee, Nama Rabbitti amane guyyaa namni itti kafare. Innii irra caalaa Sahaabaati. Wal dhabbii tokkoon maletti. Aduun waa hin baane, Waallee hin dhiine, Erga Ambiyootaa fi Rusultootaati. Nama Abbaa Bakrii irra gaarii taherratti jedhama. Inni warra dura amaneeti dhiirarraa, Nama iimaanni isaa iimaana ummata Muhammadiin s.a.w madaalamee caalee a...