Raadiyoo madda beekumsaa انا لله وان اليه راجعون SEENAA SHEEKH AADAM TUULAA By: Urjii Ahmad Kitaaba bara 2014 katabe kan Aqiidaa Ulamaa'ii teenyaa jedhurraa fuudhame. Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al- Oromii. Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u. Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti. Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira. Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo. Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ...