Skip to main content

Posts

Showing posts from April, 2021

RAADIYOO MB Yaa Mowlaa Uuda Diliidha tan Onnee tiyyarra guutte. Tulluu gurraattii Maعsiyaadhaa Tan ba'aa natti taate tana naaf araarami, irra naaf dabri, keeyritti naaf jijjiiri. Yaa Mowlaa Ati ganda lameenuttuu Milkaawuu na waffaqi. Biyya hojiin itti hojjatamtu daara duniyaa kanatti qaceellotti hojjadhee biyya galataa Aakhira sanitti Milkaawuu, fuulli koo ifuu, gammaduu naan fedhi. Du'aa'ii Ramadaa Jedhii Rabbii keetti waywaadhu. Ramadaana Halkan 15ffaa Raadiyoo MB

Raadiyoo madda beekumsaa

RAADIYOO MB Rabbiin Arjaadha; yeroo hundaa isa kadhadhu! Rabbiin ol tahe akkana jedha: "Wanti Samii fi Dachii keessa jiru hundi isa kadhata. Guyyaa hunda inni hojitti jira." Suuratu Ar-Rahmaan 55-29 يَسْأَلُهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ كُلَّ يَوْمٍ هُوَ فِي شَأْنٍ ﴿٢٩﴾ Rabbiin nama yeroo hunda isa kadhatu ni jala malee hin hifatu. Inumaayyuu ibaadaan jaalala Rabbii ittiin argannu takka Zikrii fi Du'aa'ii heddummeessuudha. Rabbiin Arjaadha. Maqaalee Rabbii keessaa tokko Al-Kariim yoo tahu, yeroo hunda Arjoomaa jechuudha. Kanaafuu Qalbii qulqulluufii niyyaa tollee isa kadhannaan hin hoongofnu. Kanumaaf wanti Rabbi uume hundi halkanii-guyyaa, ganamaa fi galgalas isa kadhatu. Innis ni kennaaf. Raadiyoo madda beekumsaa MB

Raadiyoo madda beekumsaa

RAADIYOO MADDA BEEKUMSAA MB Ramadaana arra fadhii Rabbiitiin guyyaa 14 oolchutti jirra. Galata Rahmaani. Akkam akkam iimmaanni khee; jijjiirame moo akkuma sooma dura ture san jiramoo? Qur'aana waliin akkam akkam haalli khee? Fadhii tee kallafuu waliin akkam akkam haalli khee? Kadhaa Allaahaa kadhattuu wajjiin akkam akkam haalli khee? Sunnaafii salaataa fardii irratti akkam akkam haalli khee? 🌹Qur'aana yeroo takkallee ykn Lama ykn sadi illee buuftee? Haya buusuu baattu walakkaa geeysee? Haya walakkaa gahuu baattu hoo niihuu jalqabdee? Lakkii baatii jijjiiramaa keeysa jirtaa haajaa tee amma amma Rabbitti waywaadhuu. Qur'aana qabadhuutii amma amma kattamuuf(xumuruuf) tattaafadhu. Nashiidaafii, filimii, diraamaa fi jeeqama garaagaraa if dura qaqqabdee if jeeyxee ollaa jeequu irraa tiiyfadhu. 💔Nashiidaa, filmii fi yeroo firraa fixna ja'anii oliif gad deemuu Ramadaanaa waliin wanti walitti hidhu takka hin jiru. Ramadaafii Qur'aana garuu Jabbaartu walitti hidhee dubbate. Baatii tana keeysa Qur'aana jabeeysi hadaraa🌟 💔Yeroon narraa haa deemtuu yoo barbaadde; Qur'aana qara'i. Subhii salaattee teeysee Qur'aana yoo gad lallaalaa dubbifte wlhi odoo ati hin garre sa'aa 1, 2, 3, 4, 5, 6 jattee zuhriin sitti geeysi. Zuhrii salaattee yo gad teeyse odoo ati hin garre asriin geeysi....!❤️ Dammaqi soomni si dhiisee deemuufii ! Raadiyoo madda beekumsaa MB

Raadiyoo madda beekumsaa

Du'aa'ii yeroo furaa mb RAADIYOO MB Yeroo soomana furru du'aa'itti haa jabaannuu Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Nama soomanaatiif yeroo furaa kadhaa Rabbiin (qeebalu malee) hin deebifneetu jira" حَدَّثَنَا هِشَامُ بْنُ عَمَّارٍ، حَدَّثَنَا الْوَلِيدُ بْنُ مُسْلِمٍ، حَدَّثَنَا إِسْحَاقُ بْنُ عُبَيْدِ اللَّهِ الْمَدَنِيُّ، قَالَ سَمِعْتُ عَبْدَ اللَّهِ بْنَ أَبِي مُلَيْكَةَ، يَقُولُ سَمِعْتُ عَبْدَ اللَّهِ بْنَ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ، يَقُولُ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ـ صلى الله عليه وسلم ـ ‏ "‏ إِنَّ لِلصَّائِمِ عِنْدَ فِطْرِهِ لَدَعْوَةً مَا تُرَدُّ ‏"‏ Sunan Ibn Majah 1753 Haajaa tenna cufa Rabbiin kadhachuun akkuma jirutti tahee, Du’aa’iin yeroo Soomana furuuf jennu: (ذَهَبَ الظَّمَأُ، وَابْتَلَّتِ الْعُرُوقُ، وَثَبَتَ الْأَجْرُ إِنْ شَاءَ الله) “Dheebuun teenya deemte, Hiddi dhiigaa Keenyas Jiidheera, Mindaaniis nuuf mirkanaayeera Yoo Rabbiin Jedhe” (بسم الله، اللهم لك صمت وعلى رزقك أفطرت) “Maqaa Rabbiitiiniin eegala, Yaa Rabbii Kiyya Siifiin Soomane, Rizqii tee irrattiin fure” jechuun, Tamira yokaan bishaan, lameen yoo dhabne ammoo waanuma argame nyaachuun yookaan dhuguun furra. Raadiyoo madda beekumsaa MB https://www.facebook.com/321084655228934/posts/734417993895596/?app=fbl

Raadiyoo madda beekumsaa

Seenaa raadiyoo mb. Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Salaamtaa teeysanii fiis Wa aleeykum salaam warahmatullaahi wabarakaatuh Obboleewwan islaamaa Obboleewwan iimaanaa Obbeleettiiwwan islaamaa Obboleettiiwwan iimaanaa Irra deebi'ee salaamtaa islaamaa tan onneerraa burqite laggeeniif tabbeen qaxxaamurtee isin haa dhaqqabdu Assaalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Duraan dersee ergaan salaamtaan jalqabee Waan gaaffii nama heddutti tahe Kan namoonni hedduun na gaafachaa jiru Mata matatti deebisuun ni ulfaata waan taheef gaaffii hunda bakka tokkotti walitti qabee deebisuuf yaala Gaaffiin naaf ka'aa ture Hundi isaa walfakkaata Inniniis RAADIYOON MB Maali Raadiyoon MB kun #furqeency qaba moo KHZ MHZ AM FM Kana moo Moo intarneetii qofarraan dabraa kan ja'u taha *Walumaa galatti raadiyoon mb maali warra ja'uuf raadiyoon mb Raadiyoo islaamaati raadiyoo ulamaa islaamaati Raadiyoo islaaminnaa ulamaa irraa fuudhee hawaasaan gahuudha Raadiyoon MB kun #furqeency qaba moo KHZ MHZ AM FM Kana moo Moo intarneetuma irraan dabraa kan ja'uuf Dhugaa himuudhaaf Fuulduratti inshaa allaah Bakka guddaa ni geha je'eetiin yaada Ammaaf intarneetii qofarraan dabra sanuu yero yeroo maaliif kana jenna gaafa haalli nuuf mijjate ammaas muhaadaraan islaamaa bakka itti argamtu akka naannawa keenyaatti ni waraabama gaafa waraabame akkasumatti kaayamaa jira Maaliif osoo hin dabrsin ykn hin tamsaasin waraabdanii keeysan ykn maaliif waan humna itti hin qabne reediyoo jettanii dubbattan je'ee gaafii kaasuun oolu namoonni gariin Isa kanaa fiis dhugaadha waan gaarii nuin jette jenneeniituma karaa keeysaatiin dubbisnee tasgabbeeysinee fudhachiifna Islaaminnaan akka dandayan hundatti waan beekan hundaan fmda'awaa godhuun barbaachisaadha Obboleewwan dhugaa himuudhaaf ulamaa gurguddoo meeqaantam kan biyya keeysatti seenaan isaa awwaalamtee jirtu hedduudha kan namoonni isaan hin geenye seenaa akka hin qabne seenaan isaa barreeyfamtee jirtu Isaan san eenyuutu barreeysee waraabee dhalootaaf dabarse? Dhiiruma akka teenyaati nutiis yoo if tuffachuu baanne waan guddaa numa hojjanna jenneeti waan kana eegalle hundumaafuu inshaa allaah Amma yeroodhaaf akka naannawa keenyaatitti ilmii islaamaa karaa teknolojiitiin hawaasaan gahuudha Kanaafuu if tuffachuu baannaan galma guddaa gahuun keenya hin hafu yoomiyyuu akkuma raachi je'e akkanumaanuu niyyaan hajjiidhaa je'e san arra alhamdulillaah Rabbiin bakka tanaan nu geheeti jira nuti rabbitti irkannee waan beeynuu fii waan rabbiin nu dandeeysise hundaan kheyrii hojjachuuf akkuma if qopheeysinee jirrutti jirra Alhamdulillaah waan guddoo rabbiin nu badhaasee jira isiin maali jennaan teeknolojii nuuf argamsiise rabbiin akkuma munashid abdurahmaan huseen nashiidaa isaa takka kheysatti je'etti teknolojiin aflee qara lamaati ykn haaduu qara lamaati yoo ittiin murachuu baatte si murti saniif akka isiin nun murretti firraa eeynee ittiin murachuu Yeroo ammaa kana ulamaan teenya hedduudha tan beekkomsa gahaa qabdu Garuu teknolojii irraa fagoodha Saniif bedkkomsa xiqqaa qabnu dabarsinee guddaa isaan qaban san itti daballee hawaasa keenyaan geenyee hawaasa keenya fayyaduudha jenneeti lafaa kaane Gaafa waaxiqqo inarjii ittiin sochoonu argannees Tarkaanfachaa hanga inarjiin san nu kheeysaa dhumtee low batry jattutti ittuma fufaa gaafa inarjii hin argatiniis inarjii dhabne jennee tattaaffii osoo hin lakkisin tattaafachaa turree Ittiis jirra fuulduraa fiis hin dhaabnu rabbii keenyaan gargaarfachaa bakka rakkoon numudattettiis obsaa yaa'aa jirra Amma ijoo dubbii irratti yoon deebi'u #raadiyoonmb yaalii isaarra jira fuuldura waan hanga ammaa waraabbatee if harkaa qabuus olbaasaa haarayaas dhiheeysaa deema Duraan raadiyoo ifaa islaamaa kan ja'uutu ture San ammoo nuti humna dhabuu fi deeggarsa dhabuutu lafarra harkisaa ture osuma akkanatti jirruu Warri hadraa tokko maqaa ifaa islaamaa ja'u kana #youtube irratti xuqaa takka qofa itti dabalanii banatan achi booda waan silaa seerri miidiyaa keenyaa hin hayyamne kan shari'aaniis hin hayyamne raabsuu jalqaban isiin maali jannaan manzuummaa shirkiyyaataa tan dibbeen makaa raabsuu jalqan Haaluma kanaan Kutaa 1ffaa Kutaa 2ffaan itti fufti...

Raadiyoo madda beekumsaa

Rabbiin nama fedhuuf kenna

Raadiyoo madda beekumsaa Rabbiin nama fadhuuf kanna !   💔Yoo Rabbiin diinii kana keeysatti carraa diinii kana kaddamtuun tokko siif kanne carraa sanitti fayyadamtee:- nama biratti jaalatamuu, guddifamuu, sadarkaa dur hin qabne kannamuu, waan dur nama biraa hin arganne sababaa kanaan argatuu irratti hin xiyyeeyfatin.  💔Haalli kun nu keeysa dhudhufnaan nuuf dhumattee beekhi.  Fadhiin akkanaa gaafa si keeysa dhudhufte:- si malee namni bakka tanaan malu hin jiru seeta. Nama si duubaan hojii akka teetii ta akka da'awaa,  Kidmaa diin tanuma taate takka irratti ol ka'ufaas ni jibbita akka waan bakka tee san dhaaluu deemuutti firraa sodaatta, jibbitee irraa fagaatta. Yaanni Kee cufti yoomuma inni kun na caalaadha. ♡Allaahaan qulquuudha hojii qulqulluu malee qalbii qushaashaa akkanaa tanarraa haajaa hin qabu. Waan nuti sababaa isiitiin makhluuqa irraa waa barbaannu tana nuuf laateeti gaafa jireenya zalaalam(aakhiraa) san qullaa nu dhaabuun sodaadha.  💔Makhluuqa biratt...

Bu'aa ramadaann8 qabu

Raadiyoo madda beekumsaa KENNAA: GUDDINA SADARKAA RAMADAANAA  ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ Baatiin  ramadaanaa sadarkaa gurguddoo  hedduu  qabdi.  Sankeessaa;⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️ 📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 1-inni ji'a  qur'aanni isakeessatti buufame tahuu,  kun  waan jiini kun  ittiin sadarkaa guddaa argate keessaa kan hangafaati. 📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 2-Isa keessa hulaan  jannataa  ni banamti.  📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 3-hulaan  ibidda jahannam  nicufamti.  📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 4-Isa keeysa sheyxaanni nihidhamti, kanarratti Abii  hureyraan  r.a.  nabiin s.a.w.  akkana jedhan  jedhe ''yeroo ramadaanni dhufe  hulaaleen jannataa ni babbanamti, hulaaleen ibidda jahannam ni cuccufamti, sheyxaanoonni ni hidhamti.''  Bukaarii  fii  muslimtu odeesse. 📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 5-Isa keessa halkan  murtiitu  jira.  Isiin ji'a kuma tokkorra  caalti,  Rabbiin  s.w...

Yaadachiisi

Raadiyoo madda beekumsaa Fazakkir         /         yaadachiisi ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Duuti! Kuttuu Qananii Duniyaati. Bara dheengaddaa jaallan waliin soommanaa baane meeqa if biraa dhabne?. Duuti saamtuudha. Nama hedduutu biyyee uffatee, Rabbii isaatin wal gahe. Rabbi haa araaramuuf, Jannataan Rabbi haa qananiisu. Nus gaafa asii godaannu hin beynu. Dawaan du’aa yoo jiraate gaarii hojjechuudha. Gaarii hojjechuun ammoo ji’a Ramadaan keessa galata dachaa qabdi.  Koottaa! Baatii Ramadaan tana ta dhaammannoo haa Soommannu. As booda Ramadaana biraa eeguu keenya Rabbi qofaatu beeka. Akka nama Ramadaana biroo gahuuf hin jiraannetti Ibaadaa haa saammannu. Asiin dura mucucaannee lafa geenyus Ramadaana kanatti fayyadamnee haa kaanu. Hamturraa fagaatanii, qulqullummaan gaarii hojjechuu maaltu caala? Yaa Rabbi warra karaa kee irra jiraatee, karaa kee irratti du’ee Jannata arkatu nu taasisi.

Salaata taraawihaa

Raadiyoo madda beekumsaa Al-risala-tube: { Salaata taraawiihaa } #Salaanni taraawiiha salaata halkan ramadaanaa hunda salaata ishaa'iidhaa booda, witrii dura salaatamu salaanni taraawiihaa dhiirafii dhala'aaf ni barbaadama, nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaan salaatuu ture.  Ammalle nama itti kaasuu ture asaabotaafii warri Sahaaba dhaqqabe hundi jabeessanii salaatuu turan. Taraawiihni asxaa ramadaana barakaa qabuuti. Isiin nama biratti kabajaa qabdi Rabbi biratti sawaaba guddaa qabdi. halkan Ramadaanaa maaliin dabarsan. salaatafii zikri'iin qur'aana qara'uudhan jiraachisudha.  waan Rabbiin je'u dhugo'oomsanii sawaaba Rabbii argatu'uu jecha waan kanniin yoo dalagan diliin cubbuun dabarte namaaf dhiifamti. Akkuma Hadiisaan dabre "ﻣﻦ ﻗﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺍﻳﻤﺎﻧﺎ ﻭﺍﺣﺘﺴﺒﺎ ، ﻏﻔﺮ ﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻘﺪﻡ ﻣﻦ ﺫﻧﺒﻪ" “Namni Ramadaana dhaabbate dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa ta dabarte araarama godhamtiif.’’

Maqoota madiinaa rasuulaa sw

Raadiyoo madda beekumsaa Maqoota Madiinaa Rasuulaa. (Salallaahu Aleeyhi Walsall) ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #1ffaa: Yasrib (ﻳﺜﺮﺏ ) kun Maqaa Isii kan Gaafa jaahiliyyaa (zamana wallaalaati). "ﻭﺇﺫ ﻗﺎﻟﺖ ﻃﺎﺋﻔﺔ ﻣﻨﻬﻢ ﻳﺎ ﺃﻫﻞ ﻳﺜﺮﺏ ﻻ ﻣﻘﺎﻡ ﻟﻜﻢ ﻓﺎﺭﺟﻌﻮﺍ‏ "    Erga Rasuulli (s.a.w) Gara Isii godaananiin booda maqaa kana irraa jijjiiran. #2ffaa:- Al madiinaa ( ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ). Kun Ammoo maqaa isii kan Islaamummaa boodaati. Maqaan kun Qur'aanaa fi Hadiisa keessattis yeroo hedduu dubbatame. " ﻣﺎ ﻛﺎﻥ ﻷﻫﻞ ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ....." #3ffaa: xaabaa ( ﻃﺎﺑﺔ ) maqaa kanas Rasuulaatu moggaaseef. "ﻗﻮﻟﻪ -ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ - ﺣﻴﻦ ﻗﺪﻡ ﻣﻦ ﻏﺰﻭﺓ ﺗﺒﻮﻙ ﻭﺃﺷﺮﻑ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ : ‏« ﻫﺬﻩ ﻃﺎﺑﺔ ‏" #4ffaa: xeybaa ( ﻃﻴﺒﺔ ) Kunis maqaa isii kan Rasuulli moggaaseef keessaa tokko.  "ﻗﻮﻟﻪ -ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ :- ‏« ﻫﺬﻩ ﻃﻴﺒﺔ ‏» ﺛﻼﺙ ﻣﺮﺍﺕ  #5ffaa: Al-Daar Wal iimaan (ﺍﻟﺪﺍﺭ ﻭﺍﻹﻳﻤﺎﻥ ) maqaan kun Qur'aana Suuraa Al Hashri keessatti dubbatame. "ﻭﺍﻟﺬﻳﻦ ﺗﺒﻮﺅﻭﺍ ﺍﻟﺪﺍﺭ ﻭﺍﻹﻳﻤﺎﻥ ﻣﻦ ﻗﺒﻠﻬﻢ ﻳﺤﺒﻮﻥ ﻣﻦ ﻫﺎﺟﺮ ﺇﻟﻴﻬﻢ ‏) " #6...

Amala akkanaa osooniifiin qabaadhee

Raadiyoo madda beekumsaa *Amala akkana osoonifin qabaadhe* #barataa university tokkotu akkana ja"a...barsiisa tokko kan sa"aa dhalaa harkatti uffatu kan firraa hin baafneetu jira..nuti barattonni yeroo hunda isa laalleti itti kofalla yeroo dheertu booda sa"an san tan miciyoo takkitti inni qabu tan makiinaan garagalteeni duute ta inni hirraanfachu dadhabe jaalala isirraa sa"a isii harkatti hidhatee deemu tahuutu nuuf gale ja"e. (Yeroo hundaahu qalbii laalattutu jira garuu dubbatte firraa akka itti  baaftu hin beytu.) #mucaa xiqqaa mana barnoota kessatti dadhabaa tokkotu deeme qabrii ummaa isaa cinaa taa"e boohe akkana jachutti seene..yaa ummaa tiyya na wajjin koottu barsiisaan joolle duratti na tumeeti ati ummaan tee sin qu"achiftu ummaan tee laaftudha si cinaa hin dhaabbattu naan ja"a.!! (If eegi jachi gariin osoo ati hin beeyne nama ajjeesa.) #hospitaala kessatti guyyaa takka intala takkarraa fooxaan irraa buteeti namuu mataan isii qululluu tahu...

Soomana dhiisuun badii qabdu

Raadiyoo madda beekumsaa Badii Soomana Ramadaana Diiguun Qabdu  1) Namni soomana ramadaana dhiise ruknii Islaamaa tokko jigseera.  عن ابن عباس رضي الله عنهما: أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: " عرى الاسلام، وقواعد الدين ثلاثة، عليهن أسس الاسلام، من ترك واحدة منهن، فهو بها كافر حلال الدم: شهادة أن لا إله إلا الله، والصلاة المكتوبة، وصوم رمضان " رواه أبو يعلى، والديلمي، وصححه الذهبي  Akka ibnu Abbaas irraa odeeffametti Ergamaan Rabbii (ﷺ) ni jedhan “Funyoon Islaamaa fi bu’uurri isaa waa sadi. Isaan irratti Islaamummaan ijaarame. Namni isaan keessaa tokko mormee dhiise dhiigni isaa halaala. Isaanis:  Rabbiin male gabbaramaan dhugaa hin jiru jedhanii raga bahuu; salaata dirqamaa dhaabuu (salaatuu) fi sooma ramadaanaati”. Abuuya’alaa fi Daylamiitu odeessan. Zahabiin sahiiha godheera. 2) Badiin rakkoo tokko malee ramadaana nyaachuu sooma waggaatiinuu nama irraa hin bu’u.  وعن أبي هريرة، أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من أفطر يوما من رمضان، في غير رخصة رخصها ال...

Bohartii mb

Raadiyoo madda beekumsaa Guyyaa 19_4_2021  Sagantaa bortii masjiida kaarra makkalaa As wr wb  Kabajamtootaaf dhaggeeyfattoota keenya akkasuma daawwattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo sagantaa oduuf odeeyfannoo waqtaawaa ittiin bohartanii fii irraa barattan qabannee isiniif dhihaanneeti jirraa Arraaf sagantaa oduu malee sagantaa biraatiin dhufuu dhabuu keenyaaf nu ooffolchaa isiniin jannaa  Itti aansuudhaan kallattumaan oduu isiniif dhiheeysinaa nuti warri oduu isiniif dhiheeysu  Ana obboleeysa keeysan yaadachiisaa kheyrii ti fi raabsaa toltuuti Asumaan qaamaa fi qalbiidhaan akka nu dhaggeeyfattan isin afeerraa Amma oduu takka takkaan   Oduu Namoonni tokko tokko halkan guutuu qaaxiraa bulee yeroo hiraabaa akkuma hiraabbateen mataa lafa kaayee achumaan salaata subhii irraanfachuun isaa dhagayamee jiraa Ballina oduutiif raabsaa toltuu  Namoonni tokko tokko halkan guutuu qaaxiraa bulee yeroo hiraabaa akkuma hiraabbateen mataa lafa kaayee achumaan salaata su...

Bohartii mb 19_4_2021

Raadiyoo madda beekumsaa Guyyaa 19_4_2021 Sagantaa bortii masjiida kaarra makkalaa As wr wb Kabajamtootaaf dhaggeeyfattoota keenya akkasuma daawwattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo sagantaa oduuf odeeyfannoo waqtaawaa ittiin bohartanii fii irraa barattan qabannee isiniif dhihaanneeti jirraa Arraaf sagantaa oduu malee sagantaa biraatiin dhufuu dhabuu keenyaaf nu ooffolchaa isiniin jannaa Itti aansuudhaan kallattumaan oduu isiniif dhiheeysinaa nuti warri oduu isiniif dhiheeysu Ana obboleeysa keeysan yaadachiisaa kheyrii ti fi raabsaa toltuuti Asumaan qaamaa fi qalbiidhaan akka nu dhaggeeyfattan isin afeerraa Amma oduu takka takkaan Oduu Namoonni tokko tokko halkan guutuu qaaxiraa bulee yeroo hiraabaa akkuma hiraabbateen mataa lafa kaayee achumaan salaata subhii irraanfachuun isaa dhagayamee jiraa Ballina oduutiif raabsaa toltuu Namoonni tokko tokko halkan guutuu qaaxiraa bulee yeroo hiraabaa akkuma hiraabbateen mataa lafa kaayee achumaan salaata subhii irraanfachuudhaan ...

Bohartii mb

Raadiyoo madda beekumsaa Guyyaa 20-4-2021 Sagantaa bohartii masjiida kaarra makkalaa tan guyyaa salaasaa(kipxataa) MATA DUREE ODUU 😂namoonni hedduun soomana gara duraa jabaatee boodarra laaffachaa dhufuun beekkamee Ballina balballoomii tanaa Raabsaa toltuu itti dhiyaadhaa 😂😂😂😂😂😂😂😂😂 😂gariin namaa osoo salaata quban qabne soomna qofa soomanaa jiraachuun beekkamee jira Ballina akka gadii kanaa itti dhiyaadhaa 😂Gariin namaa osoo salaata quban qabne soomna qofa soomanaa jiraachuun beekkamee jira Akka maddeen keenya ganda keeysaa nuuf himaa jurutti irra hedduun namaa islaaminnaan soomana qofa akka waan taatee hubateetitti Osoo qeebalamuu fii qeebalamuu dhabuu isiituu hin beekin soomanuma qofaan rabbi gabbaraa jiraachuun himamee Akka beeytoonni islaamaa dubbii tanarratti ibsa kennanitti Islaaminnaan soomana qofaan akka hin dhaabbanne dubbatanii jiran Itti dabaluudhaan beeytoonni islaamaa akka dubbatanitti namoonni soomana qofaan rabbi gabbaraa jiran soomanni isaanii ir...

Mudannoo tiyya

Raadiyoo madda beekumsaa Obboleeysa kiyya dubbiin naaf galtee jirti walumaa galatti sitti bilbilee si dararuu kiyyaaf dhiifama naaf godhi ammoo yoon wilii sirratti bilbila maraataa yoo naan jattees gaarii taha hundumaafuu dhiifama hayyee Nasruu fii dursaan dhufuu kiyya dhageenyaan bilbila isaanii cufatan atiis osoo bira jirtuu namaan jalaa kaasaa jatta naaf galeera dhiifama hayyee najjoo kiyya namni kamiyyuu yeroo jalqaba manaa bahu mudannoo numa qaba kanaaf isin bilbila cufachuun najalaa kaasuu dhabuun mudannoo kiyya cimaadha ani wanni hundi akka qulhuwallaahuutti naaf galee jira ammaaf bakkaan itti hara baafadhu niin qaba garuu dalagaaf jedheen isinitti haajame malee Hayyee yoon si aarse dhiifama naaf godhi wassalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh Wilii sirrattin bilbiluu nattin bilbilin Galatoomi nagayatti Tuniis ni dabarti Guyyaa mudannoo kanaa guyyaa nooveember 24/11/2020 magaalaa jigjigaa keessatti

Ilmiin ulamadhaan tiiyfamaa

 ...ilmiin ulamaadhaa Nashiidaa ustaaz gammachuu mahammad Ilmiin ulaamaadhaan tiiyfamaa Nitin beeynuu saboo maalumaa Mee nukhaasaa haa barruu ammaa Osoon godhin boruuf baallamaa 2x 💚bismillaahii maqaa rabbiitiin 👉Eegaleeraa haasawa kootii 👉Nagaaf rahmaata buuserrattii 👉Mohammadin kheyral ummatii Aalii saatiif taabi'arrattii 👉hordoftootaa sunnaa nabiitii 👉Rahmata walgayu hundumaa Osoon godhin boruuf baallamaa 2x 💚assalaamuu aleeykum je'ee Salaamataa dura buufadhee 👉yaa bboleewwan kiyya qaqqaalii Dhufuuf arraas waa fuffudhadhee 👉beekee mitii kaniin dubbadhee Beekuu baadhuus hin taa'u jedhee 👉waaniin beekaarraa dhaggeeyfadhee Isiniinillee gahuu fedhee 👉yoo dhaggeeyfattan naaf isinii Faaydaa guddaadhaa yaadeetumaa 👉osoon godhin boruuf baallamaa 2x 💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚 👉aja'ibaa  boo yeroo hundaa Hedduu qabnaa nuti haasidaa 👉kan nutti yaadu shira addaa Firraan arkuu namnirra guddaan  👉kan itti yaadee yeroo hundaa Dhoorkaa jiruu garii ibaadaa 👉kan ajaj...

Ulaagaa laailaaha illallaahaa _raadiyoo mb

 Ulaagaa Laa ilaaha illallaah  Jechi laa ilaaha illallaah jedhu, ulaagaalee armaan gadii guutuu qabdi:  1. Beekumsa (Ilmii) faallaa wallaalummaa.  2. Mirkaneessuu faallaa shakkii.  3. Qulqulleessuu faallaa shirkii.  4. Dhogoomsuu faallaa kijibsiisuu.  5. Jaalala faallaa jibbaa.  6. Massakamuu faallaa dhiisuu.  7. Fudhachuu faallaa diduu ykn dhiisuu.  8. waan Rabbiin alatti gabbaramutti Kufaruu.   Ibsa Ulaagaalee bal’inaan  1. Beekumsa (Al-ilm) faallaa wallaalumma:  Jechi hundi hiikkaa qaba. Hiikkaan “Laa Ilaaha   Illallaah” beekumsa wallaala dhabamsiisu beekuudha. Jechi kun ibaadaa waan biraa irraa dhabamsiisun Rabbiif qofaaf mirkaneessiti. Hiikni isiis “Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu hin jiru” jechuu dha. Rabbiin ol tahe akkana jedha: Muhammad 47:19 فَٱعْلَمْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki;) 2. Mirkaneessuu (Al-yaqiin) faallaa shakkii:   Inn...

Hijaaba _raadiyoo mb

 HIJAABA !!! Mata dureen kun barbaachisaa waan teheef sirritti dubbisi.... Akkasuma obboleeyyan keetiifis SHARE godhi !! Durarratti hijaabni dirqama rabbiin shamarran islaamaa cufarra kaaye tahuun beekkamaadha. Hijaabni kun ulaagaalee mataa isaa qaba. Akka ulamaa'iin islaamaa kaayanitti ulaagaa (sharxii) 8 qaba. 1. Qaama guutuu hagooguu qaba. Qaama dubartiirraa wanni mullisuun hayyamamu fuulaa fii shanacha harkaa qofa !! Ammas niqaabni sunnaa dha malee waajibaa miti . 2. Uffata dhiira harkisu tahuu hin qabu !! Calalaqaa faa tahuu hin qabu jechuu dha . 3. Happii tahuu hin qabu. Hijaabni wanni uffatamuuf qaama dhoysuufi, yooniif happii tehe qaama waan mullisuuf jecha hin tahu !! Ergamaan rabbii S.A.W akkana ja'a " zamana boodaa keessatti dubartii uffattu garuu tan qullaa deemtuutu dhufuuf taa'a!!, ummata san hoggaa agartan abaaraa... Isaan abaaramoodha !!" ja'a. Hadiisa kanarraa wanni hubannu ummanni ergamaan keenya jecha jiru sun uffata ni uffatan garuu happii ...

Nashiidaa fajrulislaam bara 2021

 Alhamdulillaahii  Ja'aa yaa muslimaa 2x Fajrulislaam dhufee Nuun je'e ashamaa 👉hundeeysitoonnii Hedduu galatoomaa 2x 👉Bismillaahii je'ee Dubbii yoon eegaluu 👉maqaasaan banadhee Akka naaf qajeeluu 👉akka na dubbisuu Waan hawaasaaf toluu 👉akka na dubbisuu Waan hawaasaaf galuu 👉wanniin akkaan  Rabbii kiyyarraa kajeeluu 👉sababaa na godhee Akka naan qaceeluu 👉toolchii naaf bareechii Yaa rabbi khaatimaa 👉hundeeysitoonnii Hedduu galatoomaa 2x 👉nuti yaa khaaliqaa Kheenya sikhadhannee 👉nutaasisi jama'aa Jaarameen diigamnee 👉jama'aa argachuuf  Hedduudha gammannee 👉alhamdulillaahii Galata galfannee 👉nuuf godhi gammachuu Boodaan gaddin dhufnee 👉ammaas nuuf magarsii Hunda waan facaafnee 👉meeyra zalaalamuu Waagiin biran baanee 👉mootii nutaasisii Biyyaaf fakkeenyummaa 👉hundeeysitoonnii  Hedduu galatoomaa 2x Yaa hundeeysaa jam'aa Hedduu gagammadii 👉yaa abduljawaad koo Ilma mohammad jundii 👉sihaa gammachiisuu Waahidul ahadii 👉bakka siif haa geeysuu Wanni yaa...

Gaaf tokko raadiyoo mb

 Gaaf tokko namicha tokko jalaa qarshiin 1500 badde  Barbaachaan mana hunda waliin gehee dhabe  Yeroo kana akkam je'e seetan  *yaa rabbi qarshii tana naaf mullisi gaafa ati naaf mullifte qarshii tanarraa 1000 siifiin kannaahii je'e Yeroo kana mucaa xiqqaa tokkootu bira jira mucaan akkana je'e *hay yaa abbaa ati irra xiqqaa fudhattee irraa guddaa rabbiif kennitaa je'een mucaan *abbaa* us ati haa numa mullisuu gaafa mullise akkaan godhu anuu niin beekhaa je'een* Way ajaa'iba namoonni akkanatti yaadu kan rabbii kana niin sossobaa je'ee yaadu hedduudha. Mee osoo isin taate  Gurbaa kanaan maal jettu?________________ Deebii keessan comentii keessa nuuf kaaya  RAMADAN MUBAARAK

Madda beekumsaa

 𝔹 𝔸 ℝ ℕ 𝕆 𝕆 𝕋 𝔸 𝕊 𝔸 𝕃 𝔸 𝔸 𝕋 𝔸  𝕓𝕪 𝔸𝕓𝕕𝕦𝕝𝕒𝕫𝕚𝕫 𝔸𝕙𝕞𝕖𝕕𝕕𝕚𝕚𝕟  𝕂𝕦𝕥𝕒𝕒 1𝕗𝕗𝕒𝕒 𝕊𝕙𝕒𝕣𝕩𝕚𝕚𝕝𝕖𝕖(𝕌𝕝𝕒𝕒𝕘𝕒𝕒𝕝𝕖𝕖) 𝕤𝕒𝕝𝕒𝕒𝕥𝕒𝕒.  𝕊𝕙𝕒𝕣𝕩𝕚𝕚𝕝𝕖𝕖𝕟 𝕤𝕒𝕝𝕒𝕒𝕥𝕒𝕒 9 𝕪𝕒𝕞𝕞𝕦𝕦 𝕥𝕒𝕙𝕒𝕟 𝕪𝕠𝕠 𝕚𝕤𝕒𝕒𝕟 𝕙𝕚𝕟 𝕘𝕦𝕦𝕥𝕒𝕞𝕚𝕟 𝕤𝕒𝕝𝕒𝕒𝕟𝕟𝕚 𝕙𝕚𝕟 𝕢𝕖𝕖𝕓𝕒𝕝𝕒𝕞𝕦 👇👇𝕀𝕤𝕒𝕒𝕟𝕚𝕤👇👇 1,𝕀𝕤𝕝𝕒𝕒𝕞𝕦𝕞𝕞𝕒𝕒 𝕢𝕒𝕓𝕒𝕒𝕔𝕙𝕦𝕦 , 𝕂𝕒𝕒𝕗𝕚𝕣𝕒 𝕥𝕒𝕙𝕦𝕦 𝕕𝕙𝕚𝕚𝕤𝕦𝕦, 𝕤𝕒𝕓𝕒𝕓𝕚 𝕚𝕤𝕒𝕒 𝕕𝕒𝕝𝕒𝕘𝕒𝕒𝕟 𝕨𝕒𝕣𝕣𝕒 ℝ𝕒𝕓𝕓𝕚𝕥𝕥𝕚 𝕢𝕚𝕟𝕕𝕖𝕖𝕤𝕤𝕒𝕟𝕚𝕚 𝕙𝕚𝕟 𝕗𝕦𝕕𝕙𝕒𝕥𝕒𝕞𝕦,  2, 𝔸𝕝 𝔸𝕢𝕝𝕦(𝕆𝕗 𝕓𝕖𝕖𝕜𝕦𝕦) , 𝕞𝕒𝕣𝕒𝕒𝕥𝕦𝕦 𝕚𝕣𝕣𝕒𝕒 𝕓𝕚𝕝𝕚𝕤𝕒 𝕥𝕒𝕙𝕦𝕦, ℕ𝕒𝕞𝕟𝕚 𝕕𝕙𝕦𝕜𝕜𝕦𝕓𝕒 𝕤𝕒𝕞𝕞𝕦𝕦 𝕢𝕒𝕓𝕦 𝕙𝕒𝕟𝕘𝕒 𝕗𝕒𝕪𝕪𝕦𝕥𝕥𝕚 𝕢𝕒𝕝𝕒𝕞𝕟𝕚 𝕚𝕤𝕒𝕒 𝕚𝕣𝕣𝕒𝕒 𝕜𝕒𝕒𝕗𝕒𝕞𝕖𝕖 𝕛𝕚𝕣𝕒. ℍ𝕠𝕛𝕚𝕚𝕟 𝕚𝕤𝕒𝕒 𝕙𝕦𝕟𝕕𝕦𝕦(𝕜𝕙𝕖𝕖𝕪𝕣𝕚𝕚𝕤 𝕥𝕒'𝕦 𝕤𝕙𝕒𝕣𝕣𝕚𝕚𝕟) 𝕙𝕚𝕟 𝕘𝕒𝕝𝕞𝕒𝕒'𝕦. 3, 𝔸𝕥𝕥𝕒𝕞𝕒𝕪𝕪𝕚𝕫𝕦, 𝔸𝕞𝕒𝕝𝕒 𝕤𝕒𝕒𝕝-𝕝𝕒𝕞𝕞𝕖𝕖𝕤𝕤𝕠𝕠 𝕢𝕒𝕢𝕢𝕒𝕓𝕦𝕦,...