Raadiyoo madda beekumsaa
Guyyaa 19_4_2021
Sagantaa bortii masjiida kaarra makkalaa
As wr wb
Kabajamtootaaf dhaggeeyfattoota keenya akkasuma daawwattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo sagantaa oduuf odeeyfannoo waqtaawaa ittiin bohartanii fii irraa barattan qabannee isiniif dhihaanneeti jirraa
Arraaf sagantaa oduu malee sagantaa biraatiin dhufuu dhabuu keenyaaf nu ooffolchaa isiniin jannaa
Itti aansuudhaan kallattumaan oduu isiniif dhiheeysinaa nuti warri oduu isiniif dhiheeysu
Ana obboleeysa keeysan yaadachiisaa kheyrii ti fi raabsaa toltuuti
Asumaan qaamaa fi qalbiidhaan akka nu dhaggeeyfattan isin afeerraa
Amma oduu takka takkaan
Oduu
Namoonni tokko tokko halkan guutuu qaaxiraa bulee yeroo hiraabaa akkuma hiraabbateen mataa lafa kaayee achumaan salaata subhii irraanfachuun isaa dhagayamee jiraa
Ballina oduutiif raabsaa toltuu
Namoonni tokko tokko halkan guutuu qaaxiraa bulee yeroo hiraabaa akkuma hiraabbateen mataa lafa kaayee achumaan salaata subhii irraanfachuudhaan salaata subhii osoo hin salaatin hafuun dhagayamee jira
Akka maddeen keenya odeeyftee nuun gehetti namoonni kun salaata subhii qofatti osoo hin dhaabbatin salaata zuhrii fii asriis hirriibaan dabarsee sa'aa 11 daqiiqaa 40 wayta gahutti walitti guuree salaata khushuu'an qabne tokko akka salaate maddeen keenya amanamoon nuun geheeti jira
Gabaasa qindaaweef raabsaa toltuu raadiyoo bohartii mb irraahi
Namoonni hedduun yeroo hafxiraa hulbataa fi shurbaa bira kutee laaffisoo itti gad lakkisuudhaan salaata taraawihaa dhaabbachuu dadhabee hafuun isaa dhagayameeti jiraa
Ballina oduu akka gadii kanaa
Namoonni hedduun yeroo hafxiraa hulbataa fi shurbaa bira kutee laaffisoo itti gad lakkisuudhaan salaata taraawihaa dhaabbachuu dadhabee hafuun isaa dhagayameeti jiraa
Akka maddeen keenya itti dabaluudbaa dubbii dhugaa nuun gahanii jiranitti namoonni hedduun qaalii lubbuu godhee laaffisoodhaan garaa if danqaree dhaabbachuu dadhabee salaata addaan kutee karaa alaa fiiguun dhagayamee jiraa
Itti dabaluudhaan akka maddeen keenya mb f dhiheeysetti
Kan kanarra hamaadhaa
Osoo masjiidaa huu hin dhufin lubbuun isaa sheeyxaanaan moohamtee hanga salaanni taraawihaa salaatamee xumuramutti mana rafee achi booda jimaa qabatee dhufuutu himamee
Gabaasa qindaweef
yaadachiisaa kheyrii
Studio mb irraahi
Kabajamtootaaf dhaggeeyfattoota keeny oduuf odeeyfannoon galgala kanaa hammanumaa
Hanga boru galgala sagantaa tana fakkaattuun walitti dachaanutti
Nagayaa fi fayyaa keeysa nuuf turaa
Page keenya fb irratti raadiyoo mb like godhaan dhaamsa keenyaa
Wassalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh
Post Top Ad
Responsive Ads Here
Thursday, April 22, 2021
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Post Bottom Ad
Responsive Ads Here
Author Details
Templatesyard is a blogger resources site is a provider of high quality blogger template with premium looking layout and robust design. The main mission of templatesyard is to provide the best quality blogger templates which are professionally designed and perfectlly seo optimized to deliver best result for your blog.

No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com