Bu'aa ramadaann8 qabu - halaal radio live

Halaal islamic media podcast

Oduu Haaraya Ammee

Home Top Ad

Responsive Ads Here

Post Top Ad

Responsive Ads Here

Thursday, April 22, 2021

Bu'aa ramadaann8 qabu

Raadiyoo madda beekumsaa


KENNAA:
GUDDINA SADARKAA RAMADAANAA 
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Baatiin  ramadaanaa sadarkaa gurguddoo  hedduu  qabdi.  Sankeessaa;⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
1-inni ji'a  qur'aanni isakeessatti buufame tahuu,  kun  waan jiini kun  ittiin sadarkaa guddaa argate keessaa kan hangafaati.
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
2-Isa keessa hulaan  jannataa  ni banamti. 
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
3-hulaan  ibidda jahannam  nicufamti. 
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
4-Isa keeysa sheyxaanni nihidhamti, kanarratti Abii  hureyraan  r.a.  nabiin s.a.w.  akkana jedhan  jedhe ''yeroo ramadaanni dhufe  hulaaleen jannataa ni babbanamti, hulaaleen ibidda jahannam ni cuccufamti, sheyxaanoonni ni hidhamti.''  Bukaarii  fii  muslimtu odeesse.
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
5-Isa keessa halkan  murtiitu  jira.  Isiin ji'a kuma tokkorra  caalti,  Rabbiin  s.w. akkana jedhe,  ''nuti isa  buufne  halkan murtii keysatti.  maaltu sibeeysise halkan murtii  maal akka  taate?, halkan murtii baatii kumatokkorra caalti, malaaykaalee fii  ruuhis(Jibriil) isii keessatti hayyama  rabbi isaaniitiin gadi bu'an, isiin nagaya  hanga  fajriin bahutti (bari'utti).''  Suuraa qadrii.
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
6-Nabiin  keenya s.a.w.  akkana jedhan ''isiniif  dhufe jiini  ramadaanaa,  ji'a barakaa  heddummaatu,  kansoomana isaa  Rabbiin dirqama  isinirratti godhe, isa  keessa  hulaan samii banamti,hulaan jahiim  (ibidda  azaabaa)  nicufamti,  isa keessatti shiftootiin sheyxaanaa nisakaallamti,  isa  keessatti halkan baatii kuma  caalu tokko  Rabbiif  taheeti jira, namni  toltuu  isii hongayee  dhugumaan kasaare.''  Nasaaiyyiitu  odeesse.
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
7-Nami iimaanaa  fii abdii Rabbiitiin soomane  araarama  argata. 
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
8-namni  iimaanaa  fii abdii Rabbiitiin dhaabbate (salaate)  araarama  argata. 
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
9-Namni iimaanaa  fii abdii rabbiitiin leylatulqadri  dhaabbate (salaate) araarama  argata.
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
10-Umraan isa kessaa hajji  nabiin wajji godhatetti qixxoyti.  Nabiin  s.a.w. akkana jedhan''umraan Ramadaana keessatti  taate hajjii naan wajji taatetti qixxaatti''  muslimtu  odeesse
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
11-Ibidda  jahannamirraa  namni bilisoomfamu  ramadaana keessa hedduudha.  Abii umaamaan nabirraa odeessee  Akkana jedhan  jedhe  '' yeroo soomana  furan hunda  warra  Rabbiin ibidarraa  bilisoomsuutu  jira''  ahmad  tu odessee.
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
12-muslima hundaaf  kadhaa qeebalamtuutu  jira  guyyaa  Ramadaanaa hunda.  Nabiin  s.a.w.  akkana jedhan ''Halkaniif  guyyaa  ramadaanaa  keessa rabbiin warra  ibidda  azaabaarraa bilisoomsu qaba.  ammas  muslima hundaaf  kadhaa  qeebalamtuu taateetu 
jira  halkaniif  guyyaa ramadaanaa keessatti.''  Bazzaartu odeesse.

inni boojuu  (Badhaasa)  mu'iminaati  nabiin  s.a.w.  akki jedhan ''jiini ramadaanarra  isaaniif  caalu mu'imintootatti takkaa  waa  hin dhufne, jiinii ramadaanarra  hamaa munaafiqootatti waa  hin dhufne,  kun akki itti tahuu dandaye  mu'iminni ibaadatti jabaataa  munaafiqni ibaadarraa  laafa,  tanaaf  milkii mu'imintootaa  hoongoo munaafiqootaati''ahmad 

Raadiyoo mb

No comments:

Post a Comment

raadiyoomb@gmail.com

Post Bottom Ad

Responsive Ads Here

Pages