RAADIYOO MB Rabbiin Arjaadha; yeroo hundaa isa kadhadhu! Rabbiin ol tahe akkana jedha: "Wanti Samii fi Dachii keessa jiru hundi isa kadhata. Guyyaa hunda inni hojitti jira." Suuratu Ar-Rahmaan 55-29 يَسْأَلُهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ كُلَّ يَوْمٍ هُوَ فِي شَأْنٍ ﴿٢٩﴾ Rabbiin nama yeroo hunda isa kadhatu ni jala malee hin hifatu. Inumaayyuu ibaadaan jaalala Rabbii ittiin argannu takka Zikrii fi Du'aa'ii heddummeessuudha. Rabbiin Arjaadha. Maqaalee Rabbii keessaa tokko Al-Kariim yoo tahu, yeroo hunda Arjoomaa jechuudha. Kanaafuu Qalbii qulqulluufii niyyaa tollee isa kadhannaan hin hoongofnu. Kanumaaf wanti Rabbi uume hundi halkanii-guyyaa, ganamaa fi galgalas isa kadhatu. Innis ni kennaaf. Raadiyoo madda beekumsaa MB
Raadiyoo madda beekumsaa
Comments
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com