Skip to main content

Soomana dhiisuun badii qabdu


Raadiyoo madda beekumsaa
Badii Soomana Ramadaana Diiguun Qabdu 

1) Namni soomana ramadaana dhiise ruknii Islaamaa tokko jigseera. 
عن ابن عباس رضي الله عنهما: أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: " عرى الاسلام، وقواعد الدين ثلاثة، عليهن أسس الاسلام، من ترك واحدة منهن، فهو بها كافر حلال الدم: شهادة أن لا إله إلا الله، والصلاة المكتوبة، وصوم رمضان " رواه أبو يعلى، والديلمي، وصححه الذهبي 

Akka ibnu Abbaas irraa odeeffametti Ergamaan Rabbii (ﷺ) ni jedhan “Funyoon Islaamaa fi bu’uurri isaa waa sadi. Isaan irratti Islaamummaan ijaarame. Namni isaan keessaa tokko mormee dhiise dhiigni isaa halaala. Isaanis: 
Rabbiin male gabbaramaan dhugaa hin jiru jedhanii raga bahuu; salaata dirqamaa dhaabuu (salaatuu) fi sooma ramadaanaati”. Abuuya’alaa fi Daylamiitu odeessan. Zahabiin sahiiha godheera.

2) Badiin rakkoo tokko malee ramadaana nyaachuu sooma waggaatiinuu nama irraa hin bu’u. 

وعن أبي هريرة، أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من أفطر يوما من رمضان، في غير رخصة رخصها الله له لم يقض عنه صيام الدهر كله، وإن صامه " رواه أبو داود، وابن ماجه، والترمذي، وقال البخاري: ويذكر عن أبي هريرة رفعه: " من أفطر يوما من رمضان، من غير عذر، ولا مرض، لا يقضه صوم الدهر، وإن صامه " 

Abii Hureyraa irraa akka odeeffametti Rasuulli (ﷺ) akkana jedhan: “Namni ramadaana keessaa guyyaa tokko kan Rabbiin isaaf hin laaffisin fure (faxire) sooma waggaa guutuu osoma soomee illee isa irraa hin kafalu”. Abuu Daawud, Ibnu Maajah fi Tirmiziitu gabaase. 

Akkuma walii galaatti wanti murtaa’ee jiru namni sooma dhiise Islaamummaan isaa shakkii dha.

Raadiyoo mb
Madda beekumsa hawaasa muslimaa

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media