Skip to main content

Yaadachiisi

Raadiyoo madda beekumsaa

Fazakkir         /         yaadachiisi
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Duuti! Kuttuu Qananii Duniyaati.

Bara dheengaddaa jaallan waliin soommanaa baane meeqa if biraa dhabne?.

Duuti saamtuudha. Nama hedduutu biyyee uffatee, Rabbii isaatin wal gahe. Rabbi haa araaramuuf, Jannataan Rabbi haa qananiisu.

Nus gaafa asii godaannu hin beynu. Dawaan du’aa yoo jiraate gaarii hojjechuudha. Gaarii hojjechuun ammoo ji’a Ramadaan keessa galata dachaa qabdi. 

Koottaa! Baatii Ramadaan tana ta dhaammannoo haa Soommannu. As booda Ramadaana biraa eeguu keenya Rabbi qofaatu beeka.
Akka nama Ramadaana biroo gahuuf hin jiraannetti Ibaadaa haa saammannu.

Asiin dura mucucaannee lafa geenyus Ramadaana kanatti fayyadamnee haa kaanu. Hamturraa fagaatanii, qulqullummaan gaarii hojjechuu maaltu caala?

Yaa Rabbi warra karaa kee irra jiraatee, karaa kee irratti du’ee Jannata arkatu nu taasisi.

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media