Namichi Markaba "Titanic" jedhamtu hojjate hagam tokko markabni isaa tun amansiisaa akka taate gaafatamee ture. Namichis sagalee isaa olfuudhee "Osoo Rabbiin iyyuu haa liqimsiisuu jedhee hin liqimfamtu" jechuun deebise. Haa tahuu garuu wanta xumura irratti markebni Titanic taate waan nuti hunduu beeknuu dha waan nuti hunduu dhageenyee dha. Pirezedaantiin Biraaziilii Tankirido Neves yeroo filannoo irratti Paartii kootiif sagalee kuma dhibba shan ( 500,000) ni argadha jedhee iyyaa fii dhaadataa ture. Itti aansuun "Rabbiin iyyuu pirezedaantummaa koo irraa na hin buusu" jedhee yaada ture. Eeyyan dhugaa dha sagalee san ni argate. Haatahuu garuu ni dhukkubsate. Filannoon pirezedaantii boru dha yommuu jedhamutti galaa isaa hunda gatee gara qabriitti oofame. Addunyaa tanarraa godaane. Achuma Biyya Biraaziilii keessatti artistiin walaleessaa fii weellisaan beekkamaan Kazuuzaa jedhamu yeroo waraabbiin isaaf godhamu tamboo xuuxaa ture. Aara tamboo xuuxuu sana gara samitti ol hafarsee "Oh God, This is for You" (Yaa Rabbi kun si'iif) jedhaa ture. Maal godhan garuu addunyaa tanarra hedduu hin turre. Bifa fokkisaa taheen umrii isaa waggaa 32 tti kaansarii sombaatiin du'e. Gooftaan guddinni isaa ol tahe Allahaan Qur'aana isaa keessatti akkana jedha. "Dachee irra kan of tuultu taatee hi deemin. Ati gonkumaa dachee urtee seenuu hin dandeessu dheeratteellee gonkumaa gaara hin geessu" (Isra'i 17:37) Eeyyan of tuulummaan fokkattuu dha. Rabbiin hin jaalatu. Kanaaf of tuulummaa yoo qabaatte fokkattuu dha fageessii of irraa darbi. Xumura irratti du'aa'ii Aliyyii ibni Abu Xuwaalib (r.a) godhan irratti hundi keenyaa haa hirmaatnuu! "Yaa Allah! Osoo naan hin gammadin lubbuu too hin fudhatin. Yaa Allah! Du'a shahiidummaa na woffaqi. Osoo maqaa kee yaamu sujuuda keessatti fudhadhu. Yaa Rabbi jecha koo xumuraa shahaadaa naaf taasisi. Yaa Allah lubbuu daandii ishee gatte kan qajeelchu si'i dha ummaa muslimaa hunda daandii sirrii irratti qajeelchi. Yaa Rabbi maatii kootii firoottan kootii fii hiriyyoottan kootiif irra dabri" Aaaaaaamiiiiiiin! - halaal radio live

Halaal islamic media podcast

Oduu Haaraya Ammee

Home Top Ad

Responsive Ads Here

Post Top Ad

Responsive Ads Here

Wednesday, May 12, 2021

Namichi Markaba "Titanic" jedhamtu hojjate hagam tokko markabni isaa tun amansiisaa akka taate gaafatamee ture. Namichis sagalee isaa olfuudhee "Osoo Rabbiin iyyuu haa liqimsiisuu jedhee hin liqimfamtu" jechuun deebise. Haa tahuu garuu wanta xumura irratti markebni Titanic taate waan nuti hunduu beeknuu dha waan nuti hunduu dhageenyee dha. Pirezedaantiin Biraaziilii Tankirido Neves yeroo filannoo irratti Paartii kootiif sagalee kuma dhibba shan ( 500,000) ni argadha jedhee iyyaa fii dhaadataa ture. Itti aansuun "Rabbiin iyyuu pirezedaantummaa koo irraa na hin buusu" jedhee yaada ture. Eeyyan dhugaa dha sagalee san ni argate. Haatahuu garuu ni dhukkubsate. Filannoon pirezedaantii boru dha yommuu jedhamutti galaa isaa hunda gatee gara qabriitti oofame. Addunyaa tanarraa godaane. Achuma Biyya Biraaziilii keessatti artistiin walaleessaa fii weellisaan beekkamaan Kazuuzaa jedhamu yeroo waraabbiin isaaf godhamu tamboo xuuxaa ture. Aara tamboo xuuxuu sana gara samitti ol hafarsee "Oh God, This is for You" (Yaa Rabbi kun si'iif) jedhaa ture. Maal godhan garuu addunyaa tanarra hedduu hin turre. Bifa fokkisaa taheen umrii isaa waggaa 32 tti kaansarii sombaatiin du'e. Gooftaan guddinni isaa ol tahe Allahaan Qur'aana isaa keessatti akkana jedha. "Dachee irra kan of tuultu taatee hi deemin. Ati gonkumaa dachee urtee seenuu hin dandeessu dheeratteellee gonkumaa gaara hin geessu" (Isra'i 17:37) Eeyyan of tuulummaan fokkattuu dha. Rabbiin hin jaalatu. Kanaaf of tuulummaa yoo qabaatte fokkattuu dha fageessii of irraa darbi. Xumura irratti du'aa'ii Aliyyii ibni Abu Xuwaalib (r.a) godhan irratti hundi keenyaa haa hirmaatnuu! "Yaa Allah! Osoo naan hin gammadin lubbuu too hin fudhatin. Yaa Allah! Du'a shahiidummaa na woffaqi. Osoo maqaa kee yaamu sujuuda keessatti fudhadhu. Yaa Rabbi jecha koo xumuraa shahaadaa naaf taasisi. Yaa Allah lubbuu daandii ishee gatte kan qajeelchu si'i dha ummaa muslimaa hunda daandii sirrii irratti qajeelchi. Yaa Rabbi maatii kootii firoottan kootii fii hiriyyoottan kootiif irra dabri" Aaaaaaamiiiiiiin!

Raadiyoo madda beekumsaa

No comments:

Post a Comment

raadiyoomb@gmail.com

Post Bottom Ad

Responsive Ads Here

Pages