Skip to main content

Tokkummaa Ummata Muslimaa   RAADIYOO MB Islaamni nageenyaa fi tokkummaa hawaasaatiif xiyyeefanno guddaa kenna. Wanta hawaasa jeequu fi miidhu karaa adda addaatin ittisuuf yaala. Karaalee kanniin keessaa, waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, gara tokkummaatti namoota waamu, daangaa darbitoota ammoo rabbiin kan adabu tahuu akekkachiisa. Kanuma ilaalchisee aayatoota Qur’aana lamaan armaan gadi mee haa xiinxallinuu! وَاعْتَصِمُوا بِحَبْلِ اللَّهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا ۚ وَاذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ كُنتُمْ أَعْدَاءً فَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِكُمْ فَأَصْبَحْتُم بِنِعْمَتِهِ إِخْوَانًا وَكُنتُمْ عَلَىٰ شَفَا حُفْرَةٍ مِّنَ النَّارِ فَأَنقَذَكُم مِّنْهَا ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمْ آيَاتِهِ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ (103) “Haada Rabbii (tokkummaan) hunda ta’aa qabadhaa, adda addas hin bahinaa (hin faca’inaa). Yommuu isin diinota walii turtanii qalbii keessan wal simsiisuun qananii isaatiin obboleeyyan taatan; qarqara boolla ibiddaa irra turtanii isii irraa isin baraare, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Akka qajeeltaniif Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif addeessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:103 Hundi keessanuu kitaaba gooftaa keessanii fi qajeelcha Nabiyyi keessanii sirritti qabadhaa. Addaan faffaca’utti wanta isin geessu hin hojjatinaa. Qananii guddaa Rabbiin isin qananiise yaadadhaa: Yaa mu’mintoota yommuu isin Islaama dura diinota walii turtan, Rabbiin isa jaallachuu fi Ergamaa isaa jaallachuu irratti qalbii teessan walitti qabe. Wal-jaallachuu qalbii teessan keessatti darbe. Kanaafuu, tola isaatiin obboleeyyan wal jaallattan taatan. Qarqara ibidda jahannam irra turtan. Islaamaan isin qajeelchee ibidda irraa isin baraare. Akkuma mallattoolee iimaanaa sirrii isiniif ibse, akka karaa qajeelaatti qajeeltaniif, hordoftanii fi irraa hin jallanneef wanta fooyya’iinsi keessan keessa jiru hundas isiniif ifa godha. Ammas aayata biroo keessatti itti fufuun: “Isin keessaa gareen namootaa gara wanta gaarii ta’e hundatti waaman, wanta sirrii ta’etti ajajanii fi wanta badaa irraa dhoorgan haa jiraatan. Warri sun isaanumatu milkaa’odha. Akka warra ragaaleen ifaa erga isaaniif dhufanii booda addaan faca’anii fi wal dhabanii hin ta’inaa. Warra san adabbii guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:104-105    The post Tokkummaa Ummata Muslimaa Raadiyoo madda beekumsaa

Raadiyoo madda beekumsaa

Comments

Post a Comment

raadiyoomb@gmail.com

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media