Raadiyoo madda beekumsaa
انا لله وان اليه راجعون
SEENAA SHEEKH AADAM TUULAA
By: Urjii Ahmad
Kitaaba bara 2014 katabe kan Aqiidaa Ulamaa'ii teenyaa jedhurraa fuudhame.
Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al- Oromii. Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha
Sheekkootaa tahuuf taa’u.
Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.
Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne
barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira.
Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo. Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.
Abdullaahi Tuquu Bahara beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee taa’ee Makka gahuu dandahe.
Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata haa godhuuf.
Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa tanarraa barate. Sheekh Ahmad Basiiraa Inni haafiza hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Ijaan hin agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka qabee Isaan deemaa
ture. Waahilli Sheekh Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama hirphaa gadiitiin dhiiguu fii
Madaawuu jalqabe. Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee deemaanii ture. Jimma hoggaa gahan garuu dhukkubsatee baati oliif ciise jedhan.
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Barsiistoota akkanaa hedduu irra deemee irraa barate. Hundi Isaanii Ijaazaa/ hayyamaa barsiisuu fii Fatwaa godhuu kennaniifii gaggeeysan.
Sheekh Aadam Tuulaa haala kanaan barsiisuuf gad taa’e. Amata 60 oliif barsiisaati jiruu Isaa dabarse.
BARSIISUU JALQABUU ISAA
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xayyaaraa, Aradaa Suqul keessatti waan amata 30 oliif deemee barate barsiisuuf Majlisa barnootaa/Yuniivarsiitii Islaamaa tan Majlisa Sheekh Aadam Tuulaatiin beekkamtu gad dhaabe. Sheekharraa baratuuf Ilmii namaa Hararghee, Jimmaa, IluuAbbaa Booraa, Arsii, Baalee, Wallaggaa fii Kafaa irraa lakkoofsa hedduun dhufuu jalqabe.
Sheekni Salaata Subhii booda barsiisuu jalqaba. Hanga Asrii barnoonni adda addaa itti fufa. Nyaataa fii dhugaati wanni je’amu jidduu tana hin jiru. Salaataa fii barsiisuu qofa. Hadiisaa, Fiqhii, Towhiida, Tafsiira Gosti barnootaa hedduutu baratama. Baratoonni Isaanii 1500 hanga 2000 amata guutuu ji’a Ramadaanaa malee ni baratan.
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Ulamaa’ii akka Isaa hedduutu Isarratti barate. Inni beekaa Hadiisaati. Umrii nama tokkoo waan tahuu amata 60 ol barsiisummaan itti fufanii jiran.
Sheekkootii Isa biratti baratan keessaa Haafiza Hadiisaatii fii barsiisaa Ulamaa’ootaa Sheekh Ahmad Watar, Sheekh Usmaan, Sheekh Aliyyi Fallaanaa, Sheekh Muhammad Zabuur fii Ulamaa’oonni biroo hedduudha.
Sheekkootiin yeroo ammaa majlisa barsiisaa jiran tan Isaan bira hin dabrin waa xiqqoodha. Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa arrallee hin dadhabne, hin hifanne barsiisuu, gorsuu, Haqa dubbachuu, Aqiidaa Salafaa Qulqulluu facaasuu, warra bid’aa ragaan saaxiluu itti fufee jira.
Sheekhni Amata dheeraaf waan barsiisaa jiruuf Abbaa barsiisee, Ilmoo barsiisee, Ilmoo Ilmoo barsiise jira. Suni akkamitti tahe yoo jette? Kunoo
dubbiin akkana, Sheekha bira darsaan tokko gaafa Inni dura barsiisuuf gad taa’e, Isaa dardaraa bira dhufee baratee Sheekni barsiisuuf hayyameefii biraa deeme. Inni Sheekha tahe kuni Ilmoo dhalee Sheekh Adam Tuulaa biratti erge, Inni kunis baratee biraa bahe, Ilmoo Isaa itti erge, amma kan sadeeysoo kuni Majlisa sheekhaatti barataa jira.
Amata sagaltama dabran jedhama umriin Isaanii garuu akka nama amata 19tti Halkanii guyyaa barsiisuu fii ifiif dubbisuun dabarsan.
Waan Amantii Islaamaa faalleeysu, Jallinoota adda addaa karaa bareedaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Ummataaf ni ibsan.
Sheekni Darasaa qofa osoo hin taane warra biyyaa guutuu Abbaa fii Ilmaanis walumaan sagantaa barnootaa godheefii barsiisaa jira.
Kana hunda wajjiin kitaaballee qopheeysee jira. Gariin Afaan Oromootiin, gariin ammo Afaan Arabaatiin qopheeyfamee jira Maxxanfamuu baatus.
Sheekh Aadam Tuulaa Zamana mootummaa dabree keessa akka biyyaa bahuuf dhibbaan adda addaa itti godhamtee turte, Garuu didee Obsaan ummata barsiisuu filate.
Mootummaan Dargii ummata barsiisuu Sheekhaa waan jibbeef amata lamaaf Hararitti badii malee hidhee miidhaa qaamaa hedduu irraan gahee jira. Sheekni san hunda booda hoggaa bahan akkuma nama imaltuu deemee dhufee tokkotti barsiisurra gad taa’aan.
Sheekni Sheekkootaa Tuminsa dur tumamerraa kan ka’e godaanisa guddaa Milarraa qaban, Miilli yeroo garii tumaa sanirraa Isaan dhukkuba.
Rabbiin irraa haa jaalatu Sheekha
Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa.
-----
Maddi: Aqiidaa Ulamaa'ii teenyaa fuula: 68-72
Qophii Urjii Ahmad: bara 2014
Post Top Ad
Responsive Ads Here
Tuesday, October 18, 2022
Home
Unlabelled
Seenaa sheekh aadam tuulaa
Seenaa sheekh aadam tuulaa
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Post Bottom Ad
Responsive Ads Here
Author Details
Templatesyard is a blogger resources site is a provider of high quality blogger template with premium looking layout and robust design. The main mission of templatesyard is to provide the best quality blogger templates which are professionally designed and perfectlly seo optimized to deliver best result for your blog.





No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com