Skip to main content

Kantiibaa bulchiinsa magaalaa qobboo muslimni hundi baga geeysan ja'a

SAGANTAA MIIDIYAA MB
ERGAA BAGA GEESSANII
๐€yyaana ๐ˆ๐ข๐-๐€๐ฅ ๐€๐๐š๐ก๐š๐š(๐€๐ซ๐š๐Ÿ๐š๐š) ๐–aggaa 1444๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š:
๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™☑️๐Ÿคฒ
Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Qobboo Obbo Khalid Eisa hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa Magaalร a teenyaa fi guutuu addunyaa Hundi baga guyyaa kabajamaa ayyaana Iid Al Adahaa akka lakkoofsa hijiraa waggaa 1444ffaa nagaan geessan, baga geenye .

Ayyaanni Iid Al Adahaa hordoftoota amantaa Islaamaa biratti ayyaana guddaa,araaramaa fi kabajamaadha. 
Guyyaan kun akkuma Nabi Ibraahim ajaja Rabbii isaa guutee araaraa fi dhiifama argate qajeeltoo amantaa Islaamaa kan ta’e jaalala labsuu, tokkummaa jabeessuu, nageenya mirkaneessuu, obbolummaa dagaagsuu fi tola ooltummaa aadessuudhaan daandii milkaa'inaatti waliin qajeeluun ergama guddaa hordoftoota amantaa Islaamaa fi hawaasa Magaalaa Teenyaa hunda irraa eegamuudha. 

Hawaasni Magaalaa teenyaa sadarkaa adda addaatti argamu hundi duudhaa gaarii fi barsiifata daandii injifannootti nama geessu kana qaama jiruuf jireenya isaa godhachuudhaan balbala araaraa fi dhiifamaaf baname qixaan fayyadamuu, tokkummaa fi obbolummaa dhugaatiin wal cinaa dhaabbachuun daran murteessaadha. 

Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa kanatti gaarummaa fi jaalala dhugaa waliif agarsiisuu, rakkataa gargaaruu, kan daare uffisuu, kan hin qabne nyaachisuu fi kan dheebote obaasuun dabarsuu qaba.

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi har'as akkuma kaleessaa hojii gaarii hojjechaa turtan daran itti fufsiisuun imala jijjiiramaa eegalame dhugoomsuutu nurraa eegama.
๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™☑️๐Ÿคฒ
Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1444ffaa yeroo kabajnu Obbolummaa cimsuu fi tokkummaan nageenya naannoo keenyaa eeggachuun murteessadha. 
Ayyaanichi kan Nagayaa, gammachuu, tokkummaa fi badhaadhinaa akka nuuf ta'un hawwa.
แˆˆแˆ˜แˆ‹แ‹ แ‹จแŠฅแˆตแˆแˆแŠ“ แŠฅแˆแАแ‰ต แ‰ฐแŠจแ‰ณแ‹ฎแ‰ฝ แŠฅแŠ•แŠณแŠ• แˆˆแŠขแ‹ต แŠ แˆ-แŠ แ‹ตแˆƒ (แŠ แˆจแ‹) แ‰ แ‹“แˆ แ‰ แˆ แˆ‹แˆ แŠ แ‹ฐแˆจแˆณแ‰ฝแˆ::
แŠขแ‹ต-แˆ™แ‰ฃแˆจแŠญ!
Eid Mubarak! We wish a happy and blessed Eid Al-Adha Arafa for all Muslims who are celebrating!
 Eid Mubaarak !!
๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™ ๐ŸŒ™๐ŸŒ™☑️๐Ÿคฒ
 obbo Khalid Eisa 
Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Qobboo 
Waxabajjii 2015
Photo ๐Ÿ“ธ disgn by imran Mhmd

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media