Amaloota Hiriyaa Sobaa 10 !!
1 yeroo waa sirra barbbaadan qofa sitti
haasawu gaafa ati barbbadu hin argaman gaafa ofiif sibarbbaadan malee!
2,gaarumma kee akka gowwummatti ilalaani sitti fayyadamuu barbbaadu gaafa waan barbbadan sirra dhaban siin ooduu, si cufu amala sitti jijjiiratu!
3,milkka, ina keetitti hin gammadan akka atti isaan dursite milkkoftu hin fadhan, ykn milkkaina isaani siitti odeesani. Akka sitti dhagahamu goddhu barbaadu!!
4.yeroo hunda gadi siqabu, bifa keetiin amaala kee qeequ, filannoo kee akka jibbitu si godhu walumaa galaattii akka gad aanttuummaan sitti dhagahamtu si godhu barbaadu!!
Isaan malee ati akka fayidaa hin qabme godhani si duuba waa, e kee namoota birootiif odeesu!!
5.yeero siif hin kennan, siin dhageeffatan rakkoo isaani akka dhageeffattu barbaadu yeroo hunda Negative dha! Of jaalatu, amaala isaani hin beektu nijijjiramu, yeroo hunda sababa baayisu, gaafa ati barbaaddu amaala akkasitti agarsiisu icitii kee sirra baasu barbaadu, garu tan saani immoo siif himu hin fedhaan!
6.si to, atuu barbbadu, waan uffaachuu qabduu, nyachuu qabduu,eenyuu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu, yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama san akka jibbitu barbaadan!
7. Akka ofif fedhaniitti si jijjiruu barbaadu, fedhinna kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jalatan san waliin jaalattu si godhu barbaadu!!
Karaa gaarifi wanta si fayyadu akka hordofttu hin fedhaan, karaa isaan jalatan qofa akka ati hordoftu si godhu barbaadu!!
8. Jibba fi oduu sobaa facaasu waa, ee nama bira. Kana jechuun sirrattis akkanuma duuba kee deemanii waa, ee kan kee xureesani haasawuu barbaadu jechuudha!
waan ati iccitidhaan itti himte, si duuba deebi, nii nama biroof odeesu!
Dafani sitti mufatu, dafani ammaas deebi, e sitti araraamu!!
9. Yeroo hunda siin dorgomu, yoo ati wanta haarawa takka goote isaanis ni godhu, yoo sin dorgomuu hin dandeenye wanta san akka jibbitu si godhu!
10. Siif waan baayyee akka ta, an tola akka oolan sitti himu ykn si duuba odeessu!
Akka ati isaan malee nama biraa hiriyaa godhachuu hin dandeenye godhaniiti yaadu
Waan dubiftanif galatooma


No comments:
Post a Comment
raadiyoomb@gmail.com