Gaazaa keessatti namootni 10,000 ol ajjeefaman’ - halaal radio live

Halaal islamic media podcast

Oduu Haaraya Ammee

Home Top Ad

Responsive Ads Here

Post Top Ad

Responsive Ads Here

Monday, November 06, 2023

Gaazaa keessatti namootni 10,000 ol ajjeefaman’

Halaal islamic media sadaasa 6/2023

Israa’el haleellaa qilleensaa erga eegaltee as Gaazaa keessatti lakkoofsi namootni ajjeefamanii 10,022 ga'uusaa Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibse.

Ibsi kun kan bahe Isra’eel kaleessa halkan haleelllaa cimaa gaggeessitee hordofeeti.

Humni waraanaa Israa’eel haleellaa kanaan wiirtuu waraanaa Hamaas dabalatee bakkeewwan xiyyeeffannoo dhibba hedduu rukutuu ibse.

Hogganaan hospitaalaa guddichaa magaalaa Gaazaa akka BBC’tti himeetti kaleessa halkan namootni 200 ta’an ajjeefamaniiru.

Dhabbileen namoomaa UN fi tola ooltummaa, “ajjeechaan hamaa” lammilee nagaa Gazaarratti gaggeefamaa jiru “kan nama aarsudha” jedhan.

Namoota ajjeefaman keessa kumaatamaan kan lakka’aman ijoollee akka ta’an yaadama.

Pirezedantii US Joo Baayden dabalatee namootni siyaasaa tokko tokko, lakkoofsi namoota du’anii Ministeera Fayyaa Gaazaan ibsamuu dhugaa ta’uufi dhiisuusaa gaaffii kaasaniiru.

Kanarratti Dhaabbatti Fayyaa Addunyaa lakkoofsi kun kan amanamuu ta’uu isaa ibse. Akkuma dhabbilee mootummaa Gaazaa biroo, Ministeerri Fayyaa kunis Hamaasiin kan to’atamudha.

UK, US fi Gamtaan Awurooppaa gartuun Hamaas shororkeessaadha jedhu.

Onkoleelessaa 7 irratti erga Hamaas lammilee Israa’eel keessatti namoota 1,400 ol ajjeesuun namoota 200 butee booda, Isra’eel Gaazaarratti haleellaa cimaa eegalteetti.

Humni Waraana Israa’el akka ibsetti, kaayyoon tarkaanfiisaa Hamaasiin guutummaatti balleessuudha.


No comments:

Post a Comment

raadiyoomb@gmail.com

Post Bottom Ad

Responsive Ads Here

Pages