Skip to main content

Murannoofi qalbii hiruu jidduu,carraafi gaddis jiraa beeki.

Halaal islamic media
Murannoofi qalbii hiruu jidduu,carraafi gaddis jiraa beeki.

ila
Qalbii hirraan,kan murannoo qabutu si nyaataa beeki, qalbii hirraan,kan sirra dadhabaattu si hinjifataa argi, qalbii hirraan,ufii billawa ittiin kitimamtu ufitti qarattee dhiisi.

Jaaloo
Bineensi fiigichaan leenca caala furga’u heddutu jiraa xiinxalli,bineensi utaalchaan,qeerransa caalaa galda’u heddutu jiraa daawwadhu,wanti leencaafi qeerransi maqaa argatanii,uf kabajsiisanii,mootii tahanii,sodaa tokko malee,daggala mana godhatanii,sodaatamanii jiraataa jiraniif,gootummaa,ijjannoo,murannoofi ufitti amantii waan qabaniif,malee,guddinaaf Arbi jiraa laali, dheerinaaf sattawaan jiraa argi,ciminaaf gaalli jiraa taajjabi,wanti isaan kan fedhan dhadhoolaa jiraataniif, akka dandahan waan ufitti humanii,inni biraas itti amanee,nu moohachuu ni danda’an jedhee ufitti himeefii hubadhu.

Obbolaa 
Qalbii hirraan,uf duuba laaluu guddistaa beeki,imala fuula kee dura jiruuf,uf duuba sagal garagaluutti kaanaan,si dhiisii,leencaafi qeerransi sodaataman sunuu garaa hiran taanaan,salphamatti yeyyiin irra baatee,jiraa jaraa foon kuttee nyaachaa ooltii xiinxalli.

Namana
Qalbiifi sammuu sagal bulte dhiisii,ijji sagal bultee,waa argitii gadi laali.

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media