Skip to main content

Waraana seenaa keessatti barsiifamuufi Yaadatamu lolla'' jechuun dubbii himaan Hamaas dhaadatan.


SAGANTAA MIIDIYAA MB
''''Waraana seenaa keessatti barsiifamuufi Yaadatamu lolla'' jechuun dubbii himaan Hamaas dhaadatan.

Halaal tv (sad 4/2023) Finfinnee

Dubbii himaan Birgeedii waraana Hamaas kan Al-Qasaam lola Israa'el waliin gaggeessa jirru kanaan waraana seenaa keessatti barsiifamuu fi yaadatamu lolla jedhan.

Hogganaan humna ittisa Israa’el Gallant immoo dhuma waraana kanaa irratti 'Hamas wanti jedhamu akka hin jiraannee tochina jennee Ameerikaa waliin walii galleerra' jedhan.

Gallant itti dabaluun Gaazaa keessatti ammoo injifannoo argachuuf qophoofneerra jedhe.
 
Amma laakkofsi namoota ajjeefamanii 9500 ol dhaqqabeera. Isaan keessaa daa'immaan 3900 tu ajjeefamaniiru jedhan ogeeyyiiin fayyaa Gaazaa.

Israa'el hardha qofa haleellaa ambulaansii irratti naannoo Hospitaala Al-Shifaa irratti raawwateen lubbuun namoota 15 galaafattee jirti. Israa’el garuu ambulaansiin rukutame loltoota Hamaas fe'ee haleelle jette.

Dubbi himaan Ministeera Fayyaa Falasxiin Ashraf al-Qudraan ambulaansiin kun dhukkubsattoota fe'ee imalaa ture jedhan.

Haleellaan Israa’el kaaba Gaazaa keessatti raawwatte kun kan namoota nagaa karaa daandii al-Rashiid baqachuu barbaadan irratti xiyyeeffate ta'uu anga'oonni himan.

 Dabalataan Israa’el mana barumsaa naannoo Saftaawii keessattis baqattoota irratti haleellaa raawwatuun yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamaniiru.

Dippilomaatiin olaanaan Ameerikaa Antony Blinken walgahii hoggantoota Israa’el waliin magaalaa Tel Aviv keessatti taasisaniin namoota nagaa eeguuf tarkaanfii akka fudhatan akeekan.

Aljezeera fi Anadolu wobeeffanne.

Gammachu mohammed



Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media