Skip to main content

Oduu: Bidiruun godaantota Itoophiyaa fe'e garagaluun lubbuun namoota 16 darbe

Halaal islamic media Oduu: Bidiruun godaantota Itoophiyaa fe'e garagaluun lubbuun namoota 16 darbe Halaal media:shawwaal 14/1445 Bidiruun halkan edaa godaantota Itoophiyaa 77 fe'ee qarqara galaana Yamanii iddoo Araa jedhamuu kaasee gara Jibuutii imalaa ture iddoo addaa Godoriyaa jedhamutti garagaluun lubbuun namoota 16 darbuu Imbaasiin Itoophiyaa beeksise. Namoota doonicharra turan keessaa 33 lubbuun hafuun gabaafameera. Daa'imman saddeetiifi dubartoota dabalatee lubbuun namoota 16 darbuu qonsilichi beeksiseera. Akkasumas, namoota doonittii yaabanii turan keessa 28 hanga ammaatti eessa buuteensaanii hin argamne jedhame. Dhaabbanni Godaantota Idiladdunyaa(#IOM) hojii lubbuu baraaruutti bobba'ee jiraachuun ibsameera. Torban lama keessatti balaa walfakkaataa si'a lama mudachuu IOM himeera. Balaa biraa torban lama dura mudateen lubbuun namoota 28 darbuu eeruun karaa godaansaa kuni ulfaataa waan ta'eef Itoophiyaanonni imala akkasii akka dhiisan imbaasichi akeekkachiiseera. AS Toora asii gadiitiin nuhordofaa https://halaalmedia.blogspot.com https://halaalmedia.website.org https://www.youtube.com/@Halaalmediaa

Comments

Popular posts from this blog

Beeysisa markaza daaruliimaan #imo

Halaal islamic media

Hanga ammaatti gaasixeeystoonni 153 gaazaa keessatti du'an

Halaal islamic media lolli gaazaa keeysatti onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti gaasixeeysitoonni 153 akka dhuman gabaafame gaasixeeysitoonni kunneen haleellaa humnoota israa'iliin akka dhuman al jazeeraan irra deddeebi'iidhaan gabaasaa jirti

Barnoota ahkaama tajwiidaa

Halaal islamic media