Universty colonmiyaa keessatti hiriirri mormii filisxiin deeggaru geggeeyfame - halaal radio live

Halaal islamic media podcast

Oduu Haaraya Ammee

Home Top Ad

Responsive Ads Here

Post Top Ad

Responsive Ads Here

Tuesday, April 23, 2024

Universty colonmiyaa keessatti hiriirri mormii filisxiin deeggaru geggeeyfame

Halaal islamic media Waraana Israa'el- Gaazaa: Yuniversitoonni bebbeekamoo US mormii jabaan raafamaa jiru Halaal media:shawwaal 14/1445 Waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru mormuun hiriirri US keessatti gaggeeffamaa jiru yuniversitiiwwan Kolombiyaa fi Yaalee keessatti akkaan hammaateera. Aanga'oonni yuniversitiiwwan kunneenii humna fayyadamuun namoonni bakka tokkotti gurmaa'anii hiriira akka hin gaggeessine gochaa jiru. Wiixata kaleessaa halkan poolisoonni biyyattii Yuniversitii Niwu Yoorkitti cabsanii seenuun hiriirtota hedduu hidhan. Sana dura ammoo namoonni hedduun Yaalee irraa hidhamanii akka jiran himame, Kolombiyaan ammoo namni kamuu mooraa yuniversitichaatti qaamaan akka hin argamne dhorkeera. Garuu mooraa fuulduratti dukkaana alaabaa halluu Filisxeem qabu dhaabbachuun mormii dhageessisuun itti fufeera. Mormiin akkanaa Berkeley, MIT fi koolleejjota bebbeekamoo biyyattii keessatti argaman kaan keessattis gaggeeffamaa jira. Hiriirri mormii fi falmii cimaan dhimma Israa'el-Gaazaa ilaalchisee US keessatti kan hammaate, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 07, 2023 raawwate hordofeeti. Haleellaa sanaan Israa'el irraa 1,200 yoo du'an, ergasii haleellaa Israa'el gaggeessaa jirtuun lammiileen Filisxeem kuma 34,000 caalan, kan irra baayyeen isaanii dubartootaa fi daa'imman ta'an, ajjeeffamaniiru. Waraana Israa'el fi Gaazaa kanaan walqabatee US keessatti barattoonni bakka lamatti walqooduun mormii dhageessisaa jiru: 'Antisemetic' fi 'Islamophobic'. Hiriira mormii mooraa yuniversitii keessatti gaggeeffamaa jiran ilaalchisuun Wiixata kaleessaa kan gaafataman Pirezidant Joo Baayidan, ''hiriira kaayyoonsaa 'antisemetic' ta'e akka morman, '' akkasumas ''kanneen waan lammiilee Filisxeem mudataa jiru sirriitti osoo hin hubatin olola oofan,'' akka balaaleffatan jachuudhaan dubbii pirisdaantii guddicha sanirraa hin tolle bifa sobaatiin qindeeysanii dhugaa fakkeeysuudhaan himaniiru. Mormiin yuniversitiiwwan US keessatti gaggeeffamu erga torbee darbe Poolisoonni Niwu Yoork yuniversitii Kolombiyaatti seenuun akka humnaan barattoota hidhan ajajamaniiti. Yuniversitiin Kolombiyaa ibsa Wiixata kaleessaa baaseen barnooti hunduu fageenyarraa akka hordofamu labseera. Pirezidantiin yuniversitichaa Minouche Shafik taatee mudate ''doorsisaa fi dararaa,'' jechuun ibsan. ''Mooraa Yuniversitii Kolombiyaatti dhiphina hamaa kan uuman fi babal'isan warra dhugaadhaan barumsaaf dhufan miti, kanneen ajandaasaanii tolfachuuf dhufaniidha,'' jedhan Dr Shafik. Yuniversitii Niwu Yoorkitti bakka barattoonni mooraa Biizinasii ala buufatanii mormii gaggeessaa jiranitti poolisiin humnaan cabsee seenuun hedduu hidheera. Isa booda Yuniversitii Yale kan Niwu Haaven keessatti argamuttis mormitoota hiriira ba'an 50 poolisiin hidheera. Yuniversitichi akka jedhutti namoonni hidhaa buufaman kunneen, warra osoo akeekkachiifamanii dhagahuu didaniidha. Dhiheenya hiriirtonni Filisxeem deeggaruun ba'an US keessatti daandiiwwan ijoo ta'an kanneen gara buufata xiyyaaraa geessan weeraruun hanga cufuutti ga'aniiru. Haalli kun Ameerikaa akkaan dhiphiseera. Ameerikaan michuu Israa'el taatus, waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruun yaada burjaajii keessa galteetti. Gama tokkoon Israa'el birmadummaa fi nageenyashee eeggachuuf mirga haleellaa ofirraa qolachuu qabdi jechuun kanarrattis akka bira dhaabbattu eerti. Gama kaaniin Israa'el nageenyummaa lammiilee hin eegdu taanaan tarkaanfii akka fudhattu ibsiti. Haalli kun tibbana michuuwwan lameen, Ameerikaa fi Israa'el, gidduutti mufannaa takkaa dhalatee hin beekne uumaa jira. Tibbana US kutaa waraanaa Israa'el tokkorraa gargaarsa nan kuta jechuu hordofee, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netinyaahuu qoqqobbiin humna waraanaa biyyasaaniirra kaa'amu kamiyyuu fudhatama akka hin qabne ibsaniiru. Ameerikaan kutaalee waraanaa sarbama mirgoota namoomaa raawwataniif seera gargaarsas ta'e leenjiin akka hin kennamneef dhorku qabdi. Toora asii gadiitiin nuhordofaa https://halaalmedia.blogspot.com https://halaalmedia.website.org https://www.youtube.com/@Halaalmediaa

No comments:

Post a Comment

raadiyoomb@gmail.com

Post Bottom Ad

Responsive Ads Here

Pages