Skip to main content

Posts

RAADIYOO MB Yaa Mowlaa Uuda Diliidha tan Onnee tiyyarra guutte. Tulluu gurraattii Maعsiyaadhaa Tan ba'aa natti taate tana naaf araarami, irra naaf dabri, keeyritti naaf jijjiiri. Yaa Mowlaa Ati ganda lameenuttuu Milkaawuu na waffaqi. Biyya hojiin itti hojjatamtu daara duniyaa kanatti qaceellotti hojjadhee biyya galataa Aakhira sanitti Milkaawuu, fuulli koo ifuu, gammaduu naan fedhi. Du'aa'ii Ramadaa Jedhii Rabbii keetti waywaadhu. Ramadaana Halkan 15ffaa Raadiyoo MB

Raadiyoo madda beekumsaa

RAADIYOO MB Rabbiin Arjaadha; yeroo hundaa isa kadhadhu! Rabbiin ol tahe akkana jedha: "Wanti Samii fi Dachii keessa jiru hundi isa kadhata. Guyyaa hunda inni hojitti jira." Suuratu Ar-Rahmaan 55-29 يَسْأَلُهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ كُلَّ يَوْمٍ هُوَ فِي شَأْنٍ ﴿٢٩﴾ Rabbiin nama yeroo hunda isa kadhatu ni jala malee hin hifatu. Inumaayyuu ibaadaan jaalala Rabbii ittiin argannu takka Zikrii fi Du'aa'ii heddummeessuudha. Rabbiin Arjaadha. Maqaalee Rabbii keessaa tokko Al-Kariim yoo tahu, yeroo hunda Arjoomaa jechuudha. Kanaafuu Qalbii qulqulluufii niyyaa tollee isa kadhannaan hin hoongofnu. Kanumaaf wanti Rabbi uume hundi halkanii-guyyaa, ganamaa fi galgalas isa kadhatu. Innis ni kennaaf. Raadiyoo madda beekumsaa MB

Raadiyoo madda beekumsaa

RAADIYOO MADDA BEEKUMSAA MB Ramadaana arra fadhii Rabbiitiin guyyaa 14 oolchutti jirra. Galata Rahmaani. Akkam akkam iimmaanni khee; jijjiirame moo akkuma sooma dura ture san jiramoo? Qur'aana waliin akkam akkam haalli khee? Fadhii tee kallafuu waliin akkam akkam haalli khee? Kadhaa Allaahaa kadhattuu wajjiin akkam akkam haalli khee? Sunnaafii salaataa fardii irratti akkam akkam haalli khee? 🌹Qur'aana yeroo takkallee ykn Lama ykn sadi illee buuftee? Haya buusuu baattu walakkaa geeysee? Haya walakkaa gahuu baattu hoo niihuu jalqabdee? Lakkii baatii jijjiiramaa keeysa jirtaa haajaa tee amma amma Rabbitti waywaadhuu. Qur'aana qabadhuutii amma amma kattamuuf(xumuruuf) tattaafadhu. Nashiidaafii, filimii, diraamaa fi jeeqama garaagaraa if dura qaqqabdee if jeeyxee ollaa jeequu irraa tiiyfadhu. 💔Nashiidaa, filmii fi yeroo firraa fixna ja'anii oliif gad deemuu Ramadaanaa waliin wanti walitti hidhu takka hin jiru. Ramadaafii Qur'aana garuu Jabbaartu walitti hidhee dubbate. Baatii tana keeysa Qur'aana jabeeysi hadaraa🌟 💔Yeroon narraa haa deemtuu yoo barbaadde; Qur'aana qara'i. Subhii salaattee teeysee Qur'aana yoo gad lallaalaa dubbifte wlhi odoo ati hin garre sa'aa 1, 2, 3, 4, 5, 6 jattee zuhriin sitti geeysi. Zuhrii salaattee yo gad teeyse odoo ati hin garre asriin geeysi....!❤️ Dammaqi soomni si dhiisee deemuufii ! Raadiyoo madda beekumsaa MB

Raadiyoo madda beekumsaa

Du'aa'ii yeroo furaa mb RAADIYOO MB Yeroo soomana furru du'aa'itti haa jabaannuu Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Nama soomanaatiif yeroo furaa kadhaa Rabbiin (qeebalu malee) hin deebifneetu jira" حَدَّثَنَا هِشَامُ بْنُ عَمَّارٍ، حَدَّثَنَا الْوَلِيدُ بْنُ مُسْلِمٍ، حَدَّثَنَا إِسْحَاقُ بْنُ عُبَيْدِ اللَّهِ الْمَدَنِيُّ، قَالَ سَمِعْتُ عَبْدَ اللَّهِ بْنَ أَبِي مُلَيْكَةَ، يَقُولُ سَمِعْتُ عَبْدَ اللَّهِ بْنَ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ، يَقُولُ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ـ صلى الله عليه وسلم ـ ‏ "‏ إِنَّ لِلصَّائِمِ عِنْدَ فِطْرِهِ لَدَعْوَةً مَا تُرَدُّ ‏"‏ Sunan Ibn Majah 1753 Haajaa tenna cufa Rabbiin kadhachuun akkuma jirutti tahee, Du’aa’iin yeroo Soomana furuuf jennu: (ذَهَبَ الظَّمَأُ، وَابْتَلَّتِ الْعُرُوقُ، وَثَبَتَ الْأَجْرُ إِنْ شَاءَ الله) “Dheebuun teenya deemte, Hiddi dhiigaa Keenyas Jiidheera, Mindaaniis nuuf mirkanaayeera Yoo Rabbiin Jedhe” (بسم الله، اللهم لك صمت وعلى رزقك أفطرت) “Maqaa Rabbiitiiniin eegala, Yaa Rabbii Kiyya Siifiin Soomane, Rizqii tee irrattiin fure” jechuun, Tamira yokaan bishaan, lameen yoo dhabne ammoo waanuma argame nyaachuun yookaan dhuguun furra. Raadiyoo madda beekumsaa MB https://www.facebook.com/321084655228934/posts/734417993895596/?app=fbl

Raadiyoo madda beekumsaa

Seenaa raadiyoo mb. Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Salaamtaa teeysanii fiis Wa aleeykum salaam warahmatullaahi wabarakaatuh Obboleewwan islaamaa Obboleewwan iimaanaa Obbeleettiiwwan islaamaa Obboleettiiwwan iimaanaa Irra deebi'ee salaamtaa islaamaa tan onneerraa burqite laggeeniif tabbeen qaxxaamurtee isin haa dhaqqabdu Assaalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Duraan dersee ergaan salaamtaan jalqabee Waan gaaffii nama heddutti tahe Kan namoonni hedduun na gaafachaa jiru Mata matatti deebisuun ni ulfaata waan taheef gaaffii hunda bakka tokkotti walitti qabee deebisuuf yaala Gaaffiin naaf ka'aa ture Hundi isaa walfakkaata Inniniis RAADIYOON MB Maali Raadiyoon MB kun #furqeency qaba moo KHZ MHZ AM FM Kana moo Moo intarneetii qofarraan dabraa kan ja'u taha *Walumaa galatti raadiyoon mb maali warra ja'uuf raadiyoon mb Raadiyoo islaamaati raadiyoo ulamaa islaamaati Raadiyoo islaaminnaa ulamaa irraa fuudhee hawaasaan gahuudha Raadiyoon MB kun #furqeency qaba moo KHZ MHZ AM FM Kana moo Moo intarneetuma irraan dabraa kan ja'uuf Dhugaa himuudhaaf Fuulduratti inshaa allaah Bakka guddaa ni geha je'eetiin yaada Ammaaf intarneetii qofarraan dabra sanuu yero yeroo maaliif kana jenna gaafa haalli nuuf mijjate ammaas muhaadaraan islaamaa bakka itti argamtu akka naannawa keenyaatti ni waraabama gaafa waraabame akkasumatti kaayamaa jira Maaliif osoo hin dabrsin ykn hin tamsaasin waraabdanii keeysan ykn maaliif waan humna itti hin qabne reediyoo jettanii dubbattan je'ee gaafii kaasuun oolu namoonni gariin Isa kanaa fiis dhugaadha waan gaarii nuin jette jenneeniituma karaa keeysaatiin dubbisnee tasgabbeeysinee fudhachiifna Islaaminnaan akka dandayan hundatti waan beekan hundaan fmda'awaa godhuun barbaachisaadha Obboleewwan dhugaa himuudhaaf ulamaa gurguddoo meeqaantam kan biyya keeysatti seenaan isaa awwaalamtee jirtu hedduudha kan namoonni isaan hin geenye seenaa akka hin qabne seenaan isaa barreeyfamtee jirtu Isaan san eenyuutu barreeysee waraabee dhalootaaf dabarse? Dhiiruma akka teenyaati nutiis yoo if tuffachuu baanne waan guddaa numa hojjanna jenneeti waan kana eegalle hundumaafuu inshaa allaah Amma yeroodhaaf akka naannawa keenyaatitti ilmii islaamaa karaa teknolojiitiin hawaasaan gahuudha Kanaafuu if tuffachuu baannaan galma guddaa gahuun keenya hin hafu yoomiyyuu akkuma raachi je'e akkanumaanuu niyyaan hajjiidhaa je'e san arra alhamdulillaah Rabbiin bakka tanaan nu geheeti jira nuti rabbitti irkannee waan beeynuu fii waan rabbiin nu dandeeysise hundaan kheyrii hojjachuuf akkuma if qopheeysinee jirrutti jirra Alhamdulillaah waan guddoo rabbiin nu badhaasee jira isiin maali jennaan teeknolojii nuuf argamsiise rabbiin akkuma munashid abdurahmaan huseen nashiidaa isaa takka kheysatti je'etti teknolojiin aflee qara lamaati ykn haaduu qara lamaati yoo ittiin murachuu baatte si murti saniif akka isiin nun murretti firraa eeynee ittiin murachuu Yeroo ammaa kana ulamaan teenya hedduudha tan beekkomsa gahaa qabdu Garuu teknolojii irraa fagoodha Saniif bedkkomsa xiqqaa qabnu dabarsinee guddaa isaan qaban san itti daballee hawaasa keenyaan geenyee hawaasa keenya fayyaduudha jenneeti lafaa kaane Gaafa waaxiqqo inarjii ittiin sochoonu argannees Tarkaanfachaa hanga inarjiin san nu kheeysaa dhumtee low batry jattutti ittuma fufaa gaafa inarjii hin argatiniis inarjii dhabne jennee tattaaffii osoo hin lakkisin tattaafachaa turree Ittiis jirra fuulduraa fiis hin dhaabnu rabbii keenyaan gargaarfachaa bakka rakkoon numudattettiis obsaa yaa'aa jirra Amma ijoo dubbii irratti yoon deebi'u #raadiyoonmb yaalii isaarra jira fuuldura waan hanga ammaa waraabbatee if harkaa qabuus olbaasaa haarayaas dhiheeysaa deema Duraan raadiyoo ifaa islaamaa kan ja'uutu ture San ammoo nuti humna dhabuu fi deeggarsa dhabuutu lafarra harkisaa ture osuma akkanatti jirruu Warri hadraa tokko maqaa ifaa islaamaa ja'u kana #youtube irratti xuqaa takka qofa itti dabalanii banatan achi booda waan silaa seerri miidiyaa keenyaa hin hayyamne kan shari'aaniis hin hayyamne raabsuu jalqaban isiin maali jannaan manzuummaa shirkiyyaataa tan dibbeen makaa raabsuu jalqan Haaluma kanaan Kutaa 1ffaa Kutaa 2ffaan itti fufti...

Raadiyoo madda beekumsaa

Rabbiin nama fedhuuf kenna

Raadiyoo madda beekumsaa Rabbiin nama fadhuuf kanna !   💔Yoo Rabbiin diinii kana keeysatti carraa diinii kana kaddamtuun tokko siif kanne carraa sanitti fayyadamtee:- nama biratti jaalatamuu, guddifamuu, sadarkaa dur hin qabne kannamuu, waan dur nama biraa hin arganne sababaa kanaan argatuu irratti hin xiyyeeyfatin.  💔Haalli kun nu keeysa dhudhufnaan nuuf dhumattee beekhi.  Fadhiin akkanaa gaafa si keeysa dhudhufte:- si malee namni bakka tanaan malu hin jiru seeta. Nama si duubaan hojii akka teetii ta akka da'awaa,  Kidmaa diin tanuma taate takka irratti ol ka'ufaas ni jibbita akka waan bakka tee san dhaaluu deemuutti firraa sodaatta, jibbitee irraa fagaatta. Yaanni Kee cufti yoomuma inni kun na caalaadha. ♡Allaahaan qulquuudha hojii qulqulluu malee qalbii qushaashaa akkanaa tanarraa haajaa hin qabu. Waan nuti sababaa isiitiin makhluuqa irraa waa barbaannu tana nuuf laateeti gaafa jireenya zalaalam(aakhiraa) san qullaa nu dhaabuun sodaadha.  💔Makhluuqa biratt...

Bu'aa ramadaann8 qabu

Raadiyoo madda beekumsaa KENNAA: GUDDINA SADARKAA RAMADAANAA  ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ Baatiin  ramadaanaa sadarkaa gurguddoo  hedduu  qabdi.  Sankeessaa;⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️ 📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 1-inni ji'a  qur'aanni isakeessatti buufame tahuu,  kun  waan jiini kun  ittiin sadarkaa guddaa argate keessaa kan hangafaati. 📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 2-Isa keessa hulaan  jannataa  ni banamti.  📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 3-hulaan  ibidda jahannam  nicufamti.  📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 4-Isa keeysa sheyxaanni nihidhamti, kanarratti Abii  hureyraan  r.a.  nabiin s.a.w.  akkana jedhan  jedhe ''yeroo ramadaanni dhufe  hulaaleen jannataa ni babbanamti, hulaaleen ibidda jahannam ni cuccufamti, sheyxaanoonni ni hidhamti.''  Bukaarii  fii  muslimtu odeesse. 📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌 5-Isa keessa halkan  murtiitu  jira.  Isiin ji'a kuma tokkorra  caalti,  Rabbiin  s.w...