Skip to main content

Posts

Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annaa jala oolche

Halaal islamic media Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annaa jala oolche Halaal media: Shawwaal 15/1445 Poolisiin Federaalaa miseensa isaa Saajinii itti aanaa Taammanaa Dubbaalee gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwachuusaan to'annaa jala oolchuu beeksiseera. Poolisiin Federaalaa ibsa miidiyaaf ergeen Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa amantii hundaaf kabaja walqixa akka qabu himeera. Poolisiin Federaalaa loogii amantii, sabummaafi siyaasa kamirraayyu bilisa ta'uun heddummina duudhaa kan taasifate dhaabbata uummataa ta'uus beeksiseera. Yunivarsiitii Poolisii Federaalaatti miseensa kan ta'e Saajinii itti aanaa Taammanaa Dubbaalee miseensa haaraa akka filuuf gara naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa aanaa Gezee Goofaatti yeroo ergametti Amajjii 05, 2016 Mana Amantaa Ortodoksii Keechoo Wazee Qulqulluu Baalawalditti argamuun uffata dambii Poolisii Federaalaa uffatee faarfannaa amantii faarfachuun uummata fuu...

Eega lolli eegalee guyyaa 200 gahuun himame

Halaal islamic media Eega lolli israa'iliifi hamaas eegalee hanga ammaatti guyyaa 200 kan guute yoo tahu Hanga ammaatti lubbuun lammiilee ququlluu filisxiin kan wareegame 34183 yoo tahu Warreen madaawan 77143 gahee jiraa Kun waan seenaan addunyaa kessatti galmaawee hin argamin tahuun beekkamee jira Toora asii gadiitiin nuhordofaa https://halaalmedia.blogspot.com https://halaalmedia.website.org https://www.youtube.com/@Halaalmediaa

Oduu: Bidiruun godaantota Itoophiyaa fe'e garagaluun lubbuun namoota 16 darbe

Halaal islamic media Oduu: Bidiruun godaantota Itoophiyaa fe'e garagaluun lubbuun namoota 16 darbe Halaal media:shawwaal 14/1445 Bidiruun halkan edaa godaantota Itoophiyaa 77 fe'ee qarqara galaana Yamanii iddoo Araa jedhamuu kaasee gara Jibuutii imalaa ture iddoo addaa Godoriyaa jedhamutti garagaluun lubbuun namoota 16 darbuu Imbaasiin Itoophiyaa beeksise. Namoota doonicharra turan keessaa 33 lubbuun hafuun gabaafameera. Daa'imman saddeetiifi dubartoota dabalatee lubbuun namoota 16 darbuu qonsilichi beeksiseera. Akkasumas, namoota doonittii yaabanii turan keessa 28 hanga ammaatti eessa buuteensaanii hin argamne jedhame. Dhaabbanni Godaantota Idiladdunyaa(#IOM) hojii lubbuu baraaruutti bobba'ee jiraachuun ibsameera. Torban lama keessatti balaa walfakkaataa si'a lama mudachuu IOM himeera. Balaa biraa torban lama dura mudateen lubbuun namoota 28 darbuu eeruun karaa godaansaa kuni ulfaataa waan ta'eef Itoophiyaanonni imala akkasii akka dhiisan imbaasic...

Haleellaa Israa’eliin haadha duute keessaa ilmoon baraaramteSabreen haadha ulfa ji'a torbaa fi walakkaa turte.

Halaal islamic mediaHaleellaa Israa’eliin haadha duute keessaa ilmoon baraaramteSabreen haadha ulfa ji'a torbaa fi walakkaa turte. Halaal media :shawwaal 14/1445 Haleellaa Israa’eliin haadha duute keessaa ilmoon baraaramteSabreen haadha ulfa ji'a torbaa fi walakkaa turte Daa'ima garaatti baattu garuu otoo hin argiin ykn hammachuuf hin carroomiin duute. Sabreen fi maatiin ishee Gaazaatti yeroo hundaa yaadda'aa turan. Sabreen garuu hanga waraanni sun xumuramutti carraan maatii kanaa akka itti fufu abdatti ture. Carraan lubbuun turuu maatii Sabreen Ebla 20, 2024 halkan walakkaatti dhiyaatutti ibidda dho’iinsa qaqqabeetiin dhidhime. Israa'el mana maatii al-Sakanii, Raafaah bakka Sabreen abbaa warraa isheefi mucaa durbaa - daa’ima ganna sadii Malaak - waliin rafaa turanitti boombii darbite. Sabreen miidhaa guddaatu irra ga'e, abbaan warraa isheefi Malaak battaluma sana du'an. Yeroo lubbu-baraartonni bakka haleellaan itti raawwatame sana ga'an garuu d...

Nashiidaa haaraya ustaaz gammachuu mohammad

Halaal islamic media

Sheikh ahmad guddoon dirree iidaa kaarra makkalaa irratti gorsa bareedaa taasise

Halaal islamic media

Universty colonmiyaa keessatti hiriirri mormii filisxiin deeggaru geggeeyfame

Halaal islamic media Waraana Israa'el- Gaazaa: Yuniversitoonni bebbeekamoo US mormii jabaan raafamaa jiru Halaal media:shawwaal 14/1445 Waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru mormuun hiriirri US keessatti gaggeeffamaa jiru yuniversitiiwwan Kolombiyaa fi Yaalee keessatti akkaan hammaateera. Aanga'oonni yuniversitiiwwan kunneenii humna fayyadamuun namoonni bakka tokkotti gurmaa'anii hiriira akka hin gaggeessine gochaa jiru. Wiixata kaleessaa halkan poolisoonni biyyattii Yuniversitii Niwu Yoorkitti cabsanii seenuun hiriirtota hedduu hidhan. Sana dura ammoo namoonni hedduun Yaalee irraa hidhamanii akka jiran himame, Kolombiyaan ammoo namni kamuu mooraa yuniversitichaatti qaamaan akka hin argamne dhorkeera. Garuu mooraa fuulduratti dukkaana alaabaa halluu Filisxeem qabu dhaabbachuun mormii dhageessisuun itti fufeera. Mormiin akkanaa Berkeley, MIT fi koolleejjota bebbeekamoo biyyattii keessatti argaman kaan keessattis gaggeeffamaa jira. Hiriirri mormii fi falmii cimaa...