Skip to main content

Posts

Waraanni hamaas saaruukha "sahmul ahmar" ja'amu fayyadamuu hime

Halaal islamic media waraanni hamaas duula qindaawaa waraana israa'ilii wajjiin geggeeysaa jiru irratti saaruukha "sahmul ahmar" (xiyya diimaa) ja'amu fayyadamaa kan jiru yoo tahu dubbiin itti jabaannaan yeroo ammaan tanaa kana netniyaahoon waraanni magaalaa raafaarratti godhamaa jiru akka dhaabbatuuf batachaa jiraachuu aljaziiraan walharkaa fuudhuudhaan gabaasaa jirti

Lolli israa'ilii fi hamaas eegalee arra guyyaa 263

Halaal islamic media

Sheikh jamaal siiraa eenyu?

Halaal islamic media By Adam Hussen #IYYAA_IYYA_DABARSAA Sheek Jamaal Siiraa murabbiidha Sheek Jamaal Siiraa hoogganaadha Sheek Jamaal Siiraa barsiisaadha Sheek Jamaal Siiraa khaxiiba Sheek Jamaal Siiraa mufakkira islamaati Sheek Jamaal Siiraa mu'arrikha isalamaa khan jaarraa khanaati… Sheek Jamaal Siiraa Hayyuu hayyummaa isaatiin dhiigni islaamaa aanaa Mi'eessoo fi gumbii keessatti dhangala'uurraa dhaabbate. Aalima sababii isaatiin Rakkoo bara meeqaa islaamni haara itti galfate. #SEENAA_IMALA_ILMII_SHEEKH_JAMAAL SIIRAA ================================ ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡Seenaa Dhaloota Isaanii Gabaabinaan:-๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ✅️Maqaan Guutuun isaanii Sheek Jamaal Ahmad Gulubee jedhama, Iddoon dhaloota isaanii Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi'eessoo Araddaa Harammaroo Deeymaatti Bara 1973 ETC dhalatan, Umrii isaanii daa'imummaatti idduma dhaloota isaatti qur'aana barachuu eegalanii Sana booda Aanoota adda addaa kan Goodina harargee lixaa fi bahaa keessatti argaman hedduu ...

Duulli waraanaa Raafaa goolabamuutti dhihaateera jechuun waraana dhaabne jechuu miti- Neetaniyaahuu

Halaal islamic media Duulli waraanaa Raafaa goolabamuutti dhihaateera jechuun waraana dhaabne jechuu miti- Neetaniyaahuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu duulli waraanaa bifa addaan Raafaa keessatti gaggeessaa turan goolabamuu ga'uu ibsuun kana jechuun garuu waraanni Gaazaa obba'e jechuu akka hin taane himaniiru.

Ganama kanarraa ka'ee hanga ammaatti namoonni 21 akka du'an gabaafame

Halaal islamic media haleellaa israa'il gaazaarratti raawwatteen ganama kanarraa qabee hanga ammaatti lammiileen filisxiin 21 ajjeefamuun gabaafamee onkololeeysa 7 eegalee hanga ammaatti daa'imman kuma 21 gaazaa keeysatti akka ajjeefame ministeerri fayyaa gaazaa gabaasee jira

Masjiidul aqsaatti guyyaa arraa namoota kuma 30 caaluutu salaate

Halaal islamic media salaata juma'aa arraan tanaa masjiidul aqsaatti muslimoonni kuma 30 caalaan salaatuu tv falasxiin gabaasee jira