Halaal islamic media Seenaa sheikh bullaallaa ************************ Maqaan isaa sheikh bullaallaa ja'ama iddoon dhaloota isaa godina harargee bahaa aanaa jaarsoo bakka gafra qallaa ja'amu jiraachaa turan isaan gosaan jaarsoo ykn huume ja'ama lamaanirraa takkatti nuti qulqulleeyfachuu hin dandeenye ammoo gaafa qulqulleeyfanne kan isiniif finnu taha amma ammoo seenaa isaa tan arganne isiniif dhiheeysina hanga xumuraatti nufaana bu'aan afeerraa kheenya. Sheikh bullaallaan rabbiin rahmata isaaniif haa godhuu hoogganaa fi bulchaa ykn damiina guddaa warra huumee turan erga gadaan bulchiinsa isaanii dhumee hojii irraa boqonnaa fudhatanii booda osoo boqonnaan isaanii umrii boqonnaa kanaaf bakka hin kennin gara barnoota islaamaa deemanii barachuu eegalan ilma isaanii kan hangafaa waliin eegalanii ilma isaanii kan quxxusuu waliin qur'aana xumuran . San booda barnoota shari'aa islaamaa ballinaan irraa barachuudhaaf ulamaa'oota barbaaddatee damee inni irratti akk...
Halaal islamic media podcast